Afaan Oromoo News

Injifattoonni Dorgommii Qaxaleewwanii badhaasa isaanii fudhataniiru

Torbanoota darbaniif Televijinii OBN irratti Afaan Oromoon bal’inaan tamsa’aa kan ture dorgommii kalaqa carraa hojii uumuu QAXALEEWWAN jedhamu irratti dorgomtoonni calallii xumuraa ga’uun injifatan guyyaa har’aa badhaafaman.Baankiin Awaash kalaqa carraa hojii uumuu jajjabeessuuf sagantaa kana kan eegale yoo ta’u, murtii abbootii seeraan dorgomtoota sadarkaa 1ffaa – 6ffaa ba’aniif tokkoon tokkoon isaaniif badhaasni addaa kennameera. Kunis […]

Injifattoonni Dorgommii Qaxaleewwanii badhaasa isaanii fudhataniiru

Baankiin Awaash rakkoo hoji dhabdumma biyya keenyaa furuu irratti gahee olaanaa ni qabaata jedhamee kan itti amanamu piroojeektii Qaxaleewwanii irratti dargaggoota hedduuf leenjii ogummaa biizinasii kennuudhaan alatti torbeewwan hedduuf foddaa televijiiniitiin tamsa’aa kan tureefi hojii isaanii pirootootaayippiin deeggarame dhiyeessuun morkii cimaa taasisuudhaan murtee abboota murtiitiin mo’attoota sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa tokkoon tokkoon isaaniitiif jechuunis sadarkaa […]

Baankiin Awaash sagantaa Lotorii Awaashitti qusadhaa, Awaashiin fudhadhaa badhaafamaa marsaa 10ffaa maamiltoota isaatiif qopheesse kennee jira.

Gosoonni badhaasaa sagantaa marsaa 10ffaaf qophaa’an sadarkaa 4 (Afuritti) kan qoodaman yoo ta’u badhaasni Lotorii jalqabaaf qophaa’e konkolaataa manaa ammayyaa Suuzuukii Dizaayer kan lakkoofsa Lotorii 00021413447 qabu yoo ta’u Obbo Taasloonch Kuwaang Beel magaalaa Gaambeellaa damee Niw Laanditti tajaajila yeroo argatan lakkoofsa Lotorii isaaniif laatameen mo’atanii jiru. Haaluma wal fakkaatuun carraa 2ffaa irratti (Lotorii sadi) […]

Baankiin Awaash dameelee isaa hundatti Torbee Maamiltootaa kabajaa jira

Baankiin Awaash dhaadannoo “Itti quufinsa Maamiltootaa olaanaaf ni carraaqna” jedhuun Eebila 16, bara 2015 irraa eegalee torbee tokkoof kan turuufi torbee maamiltootaa haalaan adda ta’e kabajaa jira. Sirna eegalchiisu torbee maamiltootaa kana irratti hoji gaggeessaan olaanaa Baankii Awaash Obbo Tsahaay Shifarraa dameelee baankichaa irratti argaamuun maamiltoota adda addaaf tajaajila kennanii jiru.

Baankiin Awaash Maamiltoota Islaamaa isaatiif sagantaa Faxaraa qopheesse

Baankiin Awaash hordoftoota amantii Islaamaa hundaaf hawwii gaarii qabu ibsuufi maamiltoota isaa waliin tumsa qabu mirkaneessuuf sirna faxaraa waloo Hooteela Sharaaten Addisitti gaggeessee jira. Sagantaa kana irratti Hoji Gaggeessaa Olaanaa Baankii Awaash, obbo Tsahaay Shifarraa, Gorsitoonni Shariyaa Baankii Awaash, Hoji gaggeessitoonni Olaanoo Baankichaafi keessummoonni affeeraman kan argaman yoo ta’u Baankichi tajaajila Baankii Dhal-Malee Awaash Seera […]

Baankiin Awaash walgayii hoggansaa walakkaa waggaa gaggeesse.

Baankiin Awaash gamaggama raawwii hojii ji’a jahaa  bara  A.L.A bajataa 2022/23, Amajjii 26, 2023 Hoteela Iskaay Laayit Itoophiyatti gaggeessee jira. Hojii gaggeessaa olaanaan Baakii Awaash, Obbo Tsahaay Shifarraa haasaa baninsaa taasisaniin, baankichi ji’oota jahan darban keessatti kallattii hundaan raawwii jajjabeessaafi abdachiisaa galmeessisuu isaa ibsaniiru. Kanumaan wal qabatee,  Rijinootaafi dameelee ji’oota jahan darban kana keessatti akkaataa […]

Page 3 of 4
1 2 3 4

Apr 26, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.8903 58.0281
GBP
67.9672 69.3265
EUR
60.9864 69.3265
AED
14.0174 14.2977
SAR
13.7269 14.0014
CHF
59.4683 60.6576

Exchange Rate
Close