Baankiin Awaash sagantaa Lotorii Awaashitti qusadhaa, Awaashiin fudhadhaa badhaafamaa marsaa 10ffaa maamiltoota isaatiif qopheesse kennee jira.

Gosoonni badhaasaa sagantaa marsaa 10ffaaf qophaa’an sadarkaa 4 (Afuritti) kan qoodaman yoo ta’u badhaasni Lotorii jalqabaaf qophaa’e konkolaataa manaa ammayyaa Suuzuukii Dizaayer kan lakkoofsa Lotorii 00021413447 qabu yoo ta’u Obbo Taasloonch Kuwaang Beel magaalaa Gaambeellaa damee Niw Laanditti tajaajila yeroo argatan lakkoofsa Lotorii isaaniif laatameen mo’atanii jiru. Haaluma wal fakkaatuun carraa 2ffaa irratti (Lotorii sadi) tokkoon tokkoon isaanii konkolaataa miila sadii (Bajaajii) dabalatee Televijiinii LED iinchii 43fi Bilbila harkaa ammayyaa hedduun abboota carraa mo’ataniif dabarfamanii laatamanii jiru. Sagantaan Lootorii Baankiin Awaash qopheesse kun aadaa qusannaa hawaasaa guddisuun hawaasni sadarkaa jireenyaa fooyya’aa akka qabaatu hubannoo uumuun alatti diinagdee biyya keenyaaf barbaachisaafi murteessaa kan ta’e sharafa alaa karaa seera-qabeessaan gara biyyaatti fiduun misooma biyya keenyaaf akka oolu dandeessisuuf carraaqqii taasifamu gargaaruun bu’aa guddaa akka qabus eeruun kennamee jira

Nov 28, 2023 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
55.6854 56.7991
GBP
67.1870 68.5307
EUR
60.9588 62.1780
AED
13.7216 13.9960
SAR
13.4363 13.7050
CHF
60.3764 61.5839

Exchange Rate
Close