Furmaata SACCOs

SACCOs: Hawaasa karaa Faayinaansii Waldaa Hojii Gamtaa Aangessuu

SACCOs, ykn Waldaaleen Hojii Gamtaa Qusannaa fi Liqii, dhaabbilee faayinaansiif miseensa ta’anidha. Isaan kun wiirtuuwwan hawaasaan  kan gaggeeffaman yoo ta’u, miseensonni qusannoo isaanii walitti qabuun carraa liqii gatii madaalawaa ta’e argachuu, akkasuma hammatamumma faayinaansii fi diinagdeen humnaa’uu isaan dandeessisa.

Furmaata SACCOs Baankii Awaash: Milkaa’inaa fi guddina Waldaalee Hojii Gamtaatiif 

Gahee murteessaa SACCOs diinagdee biyya keessaa keessatti qabu hubachuun, Baankiin Awaash Furmaata Biizinasii SACCOs (SACCOs Business solution) qopheessee jira. Furmaatni bal’aan kun waldaalee hojii gamtaa kanaaf meeshaalee fi teeknooloojii furmaata kennu, hojii fooyyessuufi fi dandeettii isaanii daraan akka fayyadaman isaan dandeessisa.. 

Furmaanni SACCOs Baankii Awaash waldaalee hojii gamtaa akkamitti humneessa?

Ofitti amanamummaa fi wal amantaa uumuu: Milkaa’ina SACCOs keessanii Appilikeeshinii  Baankii Awaash amansiisaa fi nageenyi isaa eegameen tikfadhaa.·      Adeemsa Saffisaa fi Yeroon: Adeemsa Saffisaa fi Yeroodhaan gaggeeffamu iftoomina mirkaneessun, miseensota waliin wal-amantaa uuma.Gahumsaa fi si’oomina gonfachuuf: Furmaatni SACCOs Baankii Awaash  haala dorgommii gabaa har’aa keessatti guddachuuf sochii  barbaachisu cimsa.· 24/7f ni argamna: 24/7 argamuun keenya SACCOs keessaniif yeroo kamiyyuu, bakka kamittuu bulchiinsa faayinaansii fi miseensota tajaajiluuf carraa guutuu kenna.·Haala Mijataa fi dhiheessii cimsuu: Furmaanni SACCOs miseensota keessaniif faayinaansii isaanii haala mijataa fi addaan hin cinne akka argatan ni taasisa.·      Walitti dhufeenya waaraa qabu uumuu: nageenya, saffisa, fi 24/7 qaqqabummaa. Furmaatni SACCOs Baankii Awaash waldaa hojii gamtaa keessaniif fayyadama gurguddaa guddina hojiif barbaachisan ni kenna.

Nageenya Awaash SACCOs

  • Poortaaliin SACCOs akkuma sirna baankii hundaatti guutummaatti eegumsa qaba.
  • Gaheen baankii SACCO hundeessuu fi bu’uura bulchiinsa isaanii mijeessuudhaan kan daangeffamedha.
  • Bulchitootni SACCOs akkaataa ramaddii mirgaa isaaniif kennameen fayyadamtoota haaraa furmaata SACCOs irratti dabalaniif itti gaafatamummaa qabu.
  •  Adeemsi hundi adeemsaalee qopheessaa fi mirkaneessaa (maker-checker) keessa darbuu qaba.• Fayyadamtoonni sirnicha keessa seenuuf lakkoofsa eenyummaa dhuunfaa fi jecha icciitii isaanii fayyadamuu qabu.
  • Fayyadamtoonni odeeffannoo isaaniif ramadame qofa ilaaluu ykn argachuu danda’u.
  • Sirni sochii hin qabne haaluma yeroo dursee murtaa’een ni cufama
  • Fi kanneen biroo.

Faayidaalee Furmaatni SACCOs Baankii Awaash qabu

  • Hundagaleesssa: Yeroo barbaadametti bakka kamirraayyuu kaffaltii/Qusannaa gochuuf.
  • Dandeettii maallaqa baasuu moojulii lakkooftuu irraa
  • Chaanaalota Kaffaltii Adda Addaa irraa, addatti Moobaayiil baankiingii, bakka bu’oota baankii (Agent banking) irraa gaggeessuuf.
  • Sirna Bulchiinsa SACCOs hunda galeessa ta’e
  • Dandeettii Bulchiinsa invastimantii bakka tokkotti.
  • Ijaarsaa Giddugala gabaasaa ol’aanaa
  • Wal-simsiisa yeroodhaan raawwachuuf
  • Chaartii herregaa sirnaan hojjetuu fi haala barbaadamuun kan jijjiiramuu danda’u9. Appilikeeshinii Moobaayilaa miseensotaa fi hoggansaf gama lamaanuu dhaqqabamaa ta’e

Ulaagaalee

Akkaawuntii

  • Herrega baankii Awaash banaadha

Odeeffannoo SACCOs

  • Maqaa SACCOs
  • Guyyaa galmee SACCOs
  • Odeeffannoo Teessoo (Naannoo, Zoonii, Ganda, Godina)

Bulchitoota  SACCOs

  • Maqaa
  • Imeelii
  • Lakkoofsa Bilbilaa
  • Gahee

Kuusaa Daataabeezii Miseensoota SACCOs

  • Maqaa
  • Teessoo Imeelii
  • Lakkoofsa Bilbilaa
  • Lakkoofsa Miseensa SACCOs

Baankii keenya waliin miiltummaa uumuu fi furmaata SACCOs dhiheessinu fayyadamuun waldaaleen hojii gamtaa hawaasa isaanii cimsuu, naamusa faayinaansii guddisuu, akkasumas misooma diinagdee itti fufiinsa qabu tarkaanfachiisuu danda’u.

Toora Intarneetiin Herreega Banadhaa

Deeggarsa?

8980
251 115-57-12-54
251 115-57-13-24
Nuuf bilbilaa, 24/7

Duraanuu maamilaa?

Damee naannoo keessan jiru asitti argachuu dandeessu ykn odeeffannoo argachuuf nu qunnamuu dandeessu

App keenya yaalaa

Appii mobaayilaa baankii amaloota guutuu qabu kan daldalaa fi dhuunfaaf fayyadamuu dandeessan

Sep 20, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
108.5510 125.8886
GBP
139.1444 154.7637
EUR
119.7879 136.5008
AED
29.4278 31.0175
SAR
28.8117 30.3682
CHF
123.0532 136.8664

Exchange Rate
Close