Paakeejii Tajaajila Faayinaansii Dhaabbilee Amantii

Faayidaa keessaa muraasni

Access to loans

Access to loans and various services (PF, salary solutions, etc) for employees of Religious institutions

Collection, delivery service for different payment

Collection of remittances, checks, CPOs and cash easily and safely with delivery services to door-step, that lowers the cost of keeping funds at the premises, cost of transportation to the bank, check processing, etc.

Access to tailor-made deposit better & fund management

Access to tailor-made deposit and loan products that address their requirements

  1. Ka’umsa

Yeroo ammaa dhaabbileen amantaa sochii hojii amantaarratti taasisanitti dabaluun sochiiwwan dinagdee adda addaa keessatti hirmaachaa jiru. Dhaabbileen amantaa hedduun maddi galii isaanii baasii miseensota, gargaarsa, kennaafi maddawwan adda addaarraa galii kan walitti qabatan ta’us, pirojaktoota isaanii ittiin raawwachiifachuuf fandiiwwan alaa kan akka liqii bankiis ni fayyadamu. Dhaabbileen amantaa yeroo tokko tokko maallaqa baay’ee yoo argatan yeroo kan biraammoo hanqinni maallaqaa isaan mudachuu danda’a. Dhaabbileen kun yeroo akkanaatti maallaqa harkaa qaban baankii kaawwachuuf herrega addaa kan herrega qusannaafi socho’aa walitti hiisisanii fayyadamuu isaan barbaachisa.

  1. Tajaajilawwan Faayinaansii Dhaabbilee Amantaaf
  • Maallaqa walitti qabachuufi tajaajilawwan adda addaa argachuuf.
  • Tajaajila kafaltii walitti qabuu argachuuf.
  • Tajaajila peerolii kaffaltii miindaa hojjeettootaa argachuuf.
  • Tajaajila kaffaltii herrega pirovidanti fandii banachuuf.
  • Tajaajila liqii: –
  • Ijaarsa manneen barnootaa, kollejjoota, manneen waliin jireenyaa (real stste), giddugala gabaafi kkf.
  • Ijaarsa gamoowwaniifi giddugala gabaa dhaabbilee amantaaf.
  • Ijaarsa pirojaktoota galii argamsiisaniifi kanneen biroof.
  • Tajaajilawwan dhaabbilee amantaan walqabatan keessaa qusannoo piriimiyamii haalawwan itti aanan kana ni qabaatu.
  • Dhaabbileen amantaa herrega qusannoon herregawwan socho’aafi idilee bakka tokkotti taasisuun fayyadamuu ni danda’u.
  • Cheekiin kan socho’uufi dhala baankii kan argamsiisuudha.
  • Herregichi ji’a ji’aan baasii maallaqaa hin daangeffamne taasisuuf gargaara.
  • Maallaqni xiqqaan ka’umsaaf herrega ittiin banan qr.10,000.
  • Tajaajila Liqii Hojjettoota dhaabbilee amantaaf
  1. Tajaajila liqii bittaafi ijaarsa mana jireenyaaf.
  2. Tajaajila liqii bittaa konkolaataa dhuunfaan bitachuuf oolu.
  3. Tajaajila liqii bittaa meeshaalee dhuunfaaf itti fayyadaman: –
  • Meeshaalee tajaajila mana keessaaf oolan.
  • Dhimmoota ariifachiisaa ta’aniif kan oolu.
  • Kafaltii hordoffii barnoota olaanoof.
  • Kafaltii wal’aansa fayyaaf oolu.
  • Tajaajila amantaa kan akka tajaajila gorsaaf oolan.
  1. Faayidaa Herregichi dhaabbilee Amantaaf qabu
  • Tajaajila kuufannaa maallaqaafi liqii argamsiisa.
  • Bulchiinsi fandii fooyya’aan akka jiraatu taasisa.
  • Kafaltiiwwan raawwachuufi maallaqa sassaabuu baasii xinnaan raawwachuuf.
  • Hojjettoota dhaabbileef kafaltii pirovidanti fandii, miindaa kkf haala salphaa ta’een akka raawwatan gargaara.
Maamiltoota ulaagaa guutan

Unkaalee isin barbaachisan

Open a Bank Account Online Today

Need more help?

8980
251 115-57-12-54
251 115-57-13-24
Call us, we’re available daily 9AM to 11PM

Already a customer?

You can find branches near you here or contact us for information here

Try Our App

A full features banking mobile app for bussiness & personal use.

Jan 17, 2026 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD USD
152.0361 155.0768
GBP GBP
205.9102 210.0284
EUR EUR
179.9911 183.5909
JPY JPY
0.9860 1.0057
SAR SAR
43.0286 43.8892
AED AED
43.9667 44.8460
CAD CAD
108.7970 110.9729
CHF CHF
182.5411 186.1919
NOK NOK
13.5236 13.7941
DKK DKK
20.9780 21.3976
SEK SEK
13.8775 14.1551