Injifattoonni Dorgommii Qaxaleewwanii badhaasa isaanii fudhataniiru

Torbanoota darbaniif Televijinii OBN irratti Afaan Oromoon bal’inaan tamsa’aa kan ture dorgommii kalaqa carraa hojii uumuu QAXALEEWWAN jedhamu irratti dorgomtoonni calallii xumuraa ga’uun injifatan guyyaa har’aa badhaafaman.
Baankiin Awaash kalaqa carraa hojii uumuu jajjabeessuuf sagantaa kana kan eegale yoo ta’u, murtii abbootii seeraan dorgomtoota sadarkaa 1ffaa – 6ffaa ba’aniif tokkoon tokkoon isaaniif badhaasni addaa kennameera. Kunis Sadarkaa: – 1ffaan Birrii Miiliyoona 1, 2ffaan Birrii kuma 700, 3ffaan Birrii kuma 500, 4ffaan Birrii kuma 300, 5ffaan Birrii kuma 200 fi 6ffaan Birrii kuma 100 kan badhaafaman yoo ta’u, akka haala pirojektii isaaniittis liqiin wabii irraa bilisa ta’e hanga Birrii Miiliyoona 5 tti kan kennamuuf ta’a.
Hojii gaggeessaan Baankii Awaash obbo Tsaayee Shiferraa sirna xumura sagantichaa har’a Hoteela Iskaayilaayititti (Skylight Hotel) gaggeeffamerratti haasaa taasisaniin, pirojektiin kun qaama itti gaafatamummaa hawaasummaa ta’uu ibsuun, Baankiin Awaash kalaqa carraa hojii uumuu jajjabeessuuf gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’uu dhaamaniiru.
Sirna kanarratti hoggantoota olaanoo mootummaa dabalatee keessummoonni affeeraman baay’een argamaniiru.

Sep 21, 2023 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
55.1948 56.2987
GBP
65.1720 66.4754
EUR
59.0308 60.2114
AED
13.5981 13.8701
SAR
13.3154 13.5817
CHF
58.7571 59.9322

Exchange Rate
Close