Bulchiinsa Sirna Barnootaa Dijiitaalawaa

Kaffaltii Mana Barnootaa

Kaffaltiin ji’aa barnoota ijoolleef ji’a ji’aan kaffalamu maatiin barattootaaf hojii nuffisiisaafi rakkisaa ta’ee mul’ata. Yeroo hunda kaffaltii ji’aaf gara mana barnootaa deemuun nuffisiistummaa qabaata. Daangaa guyyaa kaffaltii dagatanii dabarsuun kaffaltii adabbii hin barbaachisneef saaxilamuunis ni quunnama. Haala baratameen gara mana barnootaa deemuun kaffaltii raawwachuuf hiriira dabaree qabatanii eeggachuunis yeroon itti mudatu ni jiraata. Manneen barnootaas kaffaltii kuufaman walitti qabanii lakkaa’uun baatanii gara baankiitti deemanii galii taasisuuf ni dhama’u. Kanaafuu tajaajilli kaffaltii barnootaa Baankii Awaash bu’aa ba’iiwwan kana fooyyessuuf kan qophaa’eedha.

  • Tajaajilichi bu’aa ba’ii armaan olitti ibsamaniif furmaata kennuuf kan qophaa’e yoo ta’u:-
  • Manneen barnootaa, kollejjootaafi Yunvarsiitiin tooftaa sassaabbii maallaqaa salphaa ta’e uumuun kan qophaa’eedha.
  • Maatiiwwaniifi barattootaaf filmaatawwan kaffaltii hedduu uumuun mijaawaa, salphaafi amansiisaa karaa ta’een kaffaltiwwan kana raawwachuuf kan dandeessisuudha.

Haala tajaajila kaffaltii kanaa

  • Tajaajilichi kaffaltii barnootaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa, kolleejjiwwan, Yuunvarsiitii mootummaafi mit-mootummaa ta’aniif kan qophaa’edha.
  • Dameewwan baankii keenyaan, mobaayilaan, baankii intarneetiin, poos maashiniin, kaffaltiiwwan kana raawwachuun ni danda’ama.
  • Odeeffannoowwan barbaachisan haala kaffaltii qopha’an kanarraa argachuun ni danda’ama.
  • Dhaabbileen barnootaas odeeffannoo barbaachisan barattootaafi baankichaaf ni kennu.
  • Dhaabbileen barnootaa kaffaltii sassaaban herrega baankii kaffaltii ittiin sassaaban ni banatu. Herregni kun dhala baankii kan hin argamsiisnedha.
  • Maamilli maallaqa kaffalu baankicha keessaa herrega baankii qabaachuus, qabaachuu dhiisuus ni danda’a.
  • Kaffaltiin raawwatamu damee Baankii Awaash kamiinuu harkaanis ta’ee herregarraa gara herregaatti dabarsuun kaffalamuus danda’a.

Haala kaffaltii barnootaa maamilootaaf

  • Maamiloonni maloota kaffaltii itti aanan kana keessaa kan isaaniif mijaawu filatanii itti fayyadamuu danda’u.
  • Damee baankichaatti argamuun harkaan kaffaluu.
  • Baankii dijitaalaan kaffaluu.
  • Baankii intarneetiin kaffaluu.
  • Poos maashinii daldaltootaaf qophaa’een kaffaluu.
  • Herregarraa hir’ifamee akka kaffalamu ajajuun.

Itti Fayyadamtoota

Maatiifi barattoota manneen barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa, kolleejjota, Yunivarsiitii, dhaabbilee barnootaa mootummaafi mit-mootummaa.

 Haaldureewwan barbaachisan

  • Dhaabbilee leenjiifi barnootaa eeyyama seera qabeessa qaban, hojmaata sirnaan gurmaa’e qaban, danbiifi hojmaata baankichaa kabajan ta’uu qabu.
  • Dhaabbanni kaffaltii sassaabu baankicha keessaa herrega qabaachuu qaba.
  • Barattoonnifi maatiin kaffaltii raawwatan mala kaffaltii isaaniif mijaawu filachuu danda’u.

Maallaqa kaffalamu sassaabuun galii taasisuu

Baankichi fedhii dhaabbilee barnootaa kanaratti hundaa’uun maallaqa kaffalamu maamilotarraa sassaabuun dhaabbileef galii ni taasisa.

Faayidaa Sassaabdota kaffaltiif qabu

•Bu’a-qabeessa, haala kaffaltii sadarkaa isaa eeggate, baasii fooya’aafi dhiyeessii gabaasaaf mijaawaa kan ta’e. • Haala barameen maallaqa harkatti baatanii baankitti galchuuf yoo deeman rakkoofi bu’aa ba’ii mudachuu danda’urraa nama baraara. • Biiroo keessa ta’anii maallaqa sassaabuu, nagahee muruun yeroofi humna qisaasa’urraa nama oolcha. • Baasii bulchiinsaa kaffaltii karaa barameen sassaabuurraa baraara. • Kaffaltoota manneen barnootaa yeroo hin qabneef baay’ee mija’aadha. • Yeroo kaffaltii itti sassaaban baay’ee qusata.

Kaffaltoota (maatiifi barattotaaf) faayidaa qabu

• Maatiifi barattoonni kaffaltii ji’aa raawwachuuf bu’aa ba’ii isaan mudatu irraa hanbisa. • Yeroo qusata. • Carraa maallaqichi qisaasa’uuf qabu hir’isa. • Sirna kaffaltii ammayyaawaafi sadarkaa isaa eeggateedha. • Filmaata kaffaltii heddu kan qabu ta’uu isaa (damee baankiin, mobaay baankiin, baankii intarneetiin, poos maashinii kkf kaffaluun ni danda’ama. • Yeroofi iddoo kamittuu kaffaluuf dandeessisa. • Filmaata kaffaltii bu’a qabeessa isa dhumaati. • Guyyaafi hanga kaffaltii kaffalamuu irranfachuun rakkachuu maqsa.

Open a Bank Account Online Today

Need more help?

8980
251 115-57-12-54
251 115-57-13-24
Call us, we’re available daily 9AM to 11PM

Already a customer?

You can find branches near you here or contact us for information here

Try Our App

A full features banking mobile app for bussiness & personal use.

Jan 22, 2025 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
124.7041 127.1982
GBP
153.3074 156.3736
EUR
135.2163 137.9206
AED
30.7258 31.3403
SAR
30.0824 30.6841
CHF
135.5787 138.2902