Tajaajila Herrega Maallaqa Biyya Alaa

Tajaajila Herrega Maallaqa Biyya Alaa

Tajaajilli herrega maallaqa biyya alaa, maddi maallaqichaa biyya alaatii yoo ta’e, birriitti jijjiiramuun gara herregaatti galii kan itti taasifamuudha.

Tajaajilli herrega maallaqa biyya alaa kanneen itti aanan kana dabalachuu danda’a.

  • Maallaqni biyya alaa lammiilee biyya keessaa hin jiraanneen ergamee herregichatti galii kan itti taasifamu.
  • Maallaqni biyya alaa lammilee biyya keessa hin jiraanneen ergamuun birriitti jijjiiramee gara herregichaatti galii kan taasifama.
  • Lammiilee biyya keessa hin jiraanneef birriin kaa’uuf herrega banamuudha.
  • Al-ergitootaaf sharafa maallaqa biyya alaaf kan banamuudha.
  • Lammiilee maallaqni biyya alaatii ergamuuf herrega banamuudha.
  • Maqaa laammiilee Itoophiyaa biyya keessa jiraniifi lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan /diyaasporaan/ kan banamuudha.

Herregni lammiilee biyya keessa hin jiraanneen banamu dhala baankii kan hin argamsiisne yoo ta’u, kan herregamu garuu birriidhaan.

Hubachiisa: – herregaaa maallaqa biyya alaa lammiilee biyya keessa hin jiraanneefi maddi galii maallaqaa herrega biyya alaarraa ykn herrega lammiilee biyya keessa hin jiraanne keessaa qofaa kan galii itti taasifamu ykn itti dabarfamu ta’a.  

  • Herregni maallaqa biyya alaa lammiilee biyya keessa hin jiraanneefi herregni maallaqa biyya alaa daddabarfamu kan lammiilee biyya keessa hin jiraannee kan banamu qaamolii dippiloomaatikii, dhaabbilee idil-addunyaafi hojjettoota miindeeffamtoota isaanin ta’a.

Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa dursee mirkaneessun haaldureewwan itti aanan kana guutuun: –

  • Xalayaa mirkaneessituu galii iyyatichaa agarsiisu kan embaasiirraa barreeffame.
  • Waraqaa eenyummaa gandaa.
  • Herrega maallaqa biyya alaa lammiilee biyya keessa hin jiraanneefi herrega maallaqa biyya alaa daddabarfamu kan lammiilee biya keessa hin jiraannee bakka tokkootti banuun hin eeyyamamu.
  • Herrega maallaqa biyya alaa lammiilee biyya keessa hin jiraanneefi herrega lammiilee biyya keessa hin jiraanne maallqni isaanii birriin daddabarfamu akkaataa qajeelfama Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaan kaayoowwan itti aanan kana qofaaf ni banamu: –
  • Kaffaltii lammiilee Itoophiyaa keessa jiraataniif raawwatamuuf.
  • Maallaqa birriifi saantimaan kaawwachuuf.
  • Gurgurtaa sharafa maallaqa biyya alaa baankii dhimmichi ilaallatuun taasifamuuf.
  • Herregawwan lammiilee biyya keessa hin jiraannetti dabarsuuf.
  • Kafaltiiwwan baankiin ka’aman yoo jiraatan raawwachuuf.
  • Cheekiiwwan lammiilee biyya alaa jiraataniin kennaman.

Akkaataa qajeelfama Baankii Biyyoolessa Itoophiyaa lakkoofsa FXD/11/1998’n omishaafi tajaajila isaanii gara biyya alaatti kan erganiifi maallaqni biyya alaa gara biyya keessaatti ergamu maamiloonni fuudhan herrega akaakuu lamaa banuu ni danda’u. Isaanis: –

Herrega sharafa maallaqa biyya alaa “A”

Herrega sharafa maallaqa biyya alaa “B”

  • Maallqabni herrega “A” keessatti argamu yeroo hin murtoofneef kan taa’uufi yeroo kamittuu guutummaanis ta’ee gar-tokkeen haala gabaa sharafa biyya alaa baankichaan gurguramuu danda’a.
  • Maallaqni herrega “B” keessatti argamu haala gabaa sharafa maallaqa biyya alaa baankichaan guyyoota 28 qofaaf kan turuufi yeroo guyyota 28 keessatti qofaa guutummaanis ta’ee gar-tokkeen waliigaltee bilisaan haala gabaa sharafa maallaqa biyya alaan gurguramuu danda’a.
  • Yeroo guyyoota 28 keessatti yoo hin gurguramne maallaqichi atattamaan guyyaa itti aanutti gara sharafa biyya keessaatti jijjiirama.
  • Lammiileen yeroo waggaa tokkoofi sanaa oliif biyya alaa hojiin jiraatanis ta’ee dhaabbileen biyya alaa biyya keessa hin jiraanneen qabaman kamiiyyuu herrega maallaqa biyya alaa itti aanan kana banuu ni danda’u.
  • Dokumantoota Herregicha banuuf barbaachisan
  • Waraqaa eenyummaa herregicha banuuf dandeessisu.
  • Waraqaa eenyummaa gandaa.
  • Waraqaa eenyummaa ganda qonnaan bultootaa.
  • Waraqaa eenyummaa miindeeffama hojiifi sooramaa.
  • Waraqaa eenyummaa mana barnootaa, kollejjootaafi Yuunvarsiitii.
  • Hayyama oofinsa konkolaataa.
  • Eeyyama hojii ykn eeyyama jireenyaa.
  • Lammiilee Itoophiyaa lammummaa biyya biraa qaban yoo ta’an waraqaa eenyummaa paaspoortii waliin.
Eligible Customers​

Forms you’ll need ​

Open a Bank Account Online Today

Need more help?

8980
251 115-57-12-54
251 115-57-13-24
Call us, we’re available daily 9AM to 11PM

Already a customer?

You can find branches near you here or contact us for information here

Try Our App

A full features banking mobile app for bussiness & personal use.

Jan 17, 2026 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD USD
152.0361 155.0768
GBP GBP
205.9102 210.0284
EUR EUR
179.9911 183.5909
JPY JPY
0.9860 1.0057
SAR SAR
43.0286 43.8892
AED AED
43.9667 44.8460
CAD CAD
108.7970 110.9729
CHF CHF
182.5411 186.1919
NOK NOK
13.5236 13.7941
DKK DKK
20.9780 21.3976
SEK SEK
13.8775 14.1551