Tajaajila Herrega Maallaqa Biyya Alaa

Tajaajila Herrega Maallaqa Biyya Alaa

Tajaajilli herrega maallaqa biyya alaa, maddi maallaqichaa biyya alaatii yoo ta’e, birriitti jijjiiramuun gara herregaatti galii kan itti taasifamuudha.

Tajaajilli herrega maallaqa biyya alaa kanneen itti aanan kana dabalachuu danda’a.

  • Maallaqni biyya alaa lammiilee biyya keessaa hin jiraanneen ergamee herregichatti galii kan itti taasifamu.
  • Maallaqni biyya alaa lammilee biyya keessa hin jiraanneen ergamuun birriitti jijjiiramee gara herregichaatti galii kan taasifama.
  • Lammiilee biyya keessa hin jiraanneef birriin kaa’uuf herrega banamuudha.
  • Al-ergitootaaf sharafa maallaqa biyya alaaf kan banamuudha.
  • Lammiilee maallaqni biyya alaatii ergamuuf herrega banamuudha.
  • Maqaa laammiilee Itoophiyaa biyya keessa jiraniifi lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan /diyaasporaan/ kan banamuudha.

Herregni lammiilee biyya keessa hin jiraanneen banamu dhala baankii kan hin argamsiisne yoo ta’u, kan herregamu garuu birriidhaan.

Hubachiisa: – herregaaa maallaqa biyya alaa lammiilee biyya keessa hin jiraanneefi maddi galii maallaqaa herrega biyya alaarraa ykn herrega lammiilee biyya keessa hin jiraanne keessaa qofaa kan galii itti taasifamu ykn itti dabarfamu ta’a.  

  • Herregni maallaqa biyya alaa lammiilee biyya keessa hin jiraanneefi herregni maallaqa biyya alaa daddabarfamu kan lammiilee biyya keessa hin jiraannee kan banamu qaamolii dippiloomaatikii, dhaabbilee idil-addunyaafi hojjettoota miindeeffamtoota isaanin ta’a.

Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa dursee mirkaneessun haaldureewwan itti aanan kana guutuun: –

  • Xalayaa mirkaneessituu galii iyyatichaa agarsiisu kan embaasiirraa barreeffame.
  • Waraqaa eenyummaa gandaa.
  • Herrega maallaqa biyya alaa lammiilee biyya keessa hin jiraanneefi herrega maallaqa biyya alaa daddabarfamu kan lammiilee biya keessa hin jiraannee bakka tokkootti banuun hin eeyyamamu.
  • Herrega maallaqa biyya alaa lammiilee biyya keessa hin jiraanneefi herrega lammiilee biyya keessa hin jiraanne maallqni isaanii birriin daddabarfamu akkaataa qajeelfama Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaan kaayoowwan itti aanan kana qofaaf ni banamu: –
  • Kaffaltii lammiilee Itoophiyaa keessa jiraataniif raawwatamuuf.
  • Maallaqa birriifi saantimaan kaawwachuuf.
  • Gurgurtaa sharafa maallaqa biyya alaa baankii dhimmichi ilaallatuun taasifamuuf.
  • Herregawwan lammiilee biyya keessa hin jiraannetti dabarsuuf.
  • Kafaltiiwwan baankiin ka’aman yoo jiraatan raawwachuuf.
  • Cheekiiwwan lammiilee biyya alaa jiraataniin kennaman.

Akkaataa qajeelfama Baankii Biyyoolessa Itoophiyaa lakkoofsa FXD/11/1998’n omishaafi tajaajila isaanii gara biyya alaatti kan erganiifi maallaqni biyya alaa gara biyya keessaatti ergamu maamiloonni fuudhan herrega akaakuu lamaa banuu ni danda’u. Isaanis: –

Herrega sharafa maallaqa biyya alaa “A”

Herrega sharafa maallaqa biyya alaa “B”

  • Maallqabni herrega “A” keessatti argamu yeroo hin murtoofneef kan taa’uufi yeroo kamittuu guutummaanis ta’ee gar-tokkeen haala gabaa sharafa biyya alaa baankichaan gurguramuu danda’a.
  • Maallaqni herrega “B” keessatti argamu haala gabaa sharafa maallaqa biyya alaa baankichaan guyyoota 28 qofaaf kan turuufi yeroo guyyota 28 keessatti qofaa guutummaanis ta’ee gar-tokkeen waliigaltee bilisaan haala gabaa sharafa maallaqa biyya alaan gurguramuu danda’a.
  • Yeroo guyyoota 28 keessatti yoo hin gurguramne maallaqichi atattamaan guyyaa itti aanutti gara sharafa biyya keessaatti jijjiirama.
  • Lammiileen yeroo waggaa tokkoofi sanaa oliif biyya alaa hojiin jiraatanis ta’ee dhaabbileen biyya alaa biyya keessa hin jiraanneen qabaman kamiiyyuu herrega maallaqa biyya alaa itti aanan kana banuu ni danda’u.
  • Dokumantoota Herregicha banuuf barbaachisan
  • Waraqaa eenyummaa herregicha banuuf dandeessisu.
  • Waraqaa eenyummaa gandaa.
  • Waraqaa eenyummaa ganda qonnaan bultootaa.
  • Waraqaa eenyummaa miindeeffama hojiifi sooramaa.
  • Waraqaa eenyummaa mana barnootaa, kollejjootaafi Yuunvarsiitii.
  • Hayyama oofinsa konkolaataa.
  • Eeyyama hojii ykn eeyyama jireenyaa.
  • Lammiilee Itoophiyaa lammummaa biyya biraa qaban yoo ta’an waraqaa eenyummaa paaspoortii waliin.
Eligible Customers​

Forms you’ll need ​

Toora Intarneetiin Herreega Banadhaa

Deeggarsa?

8980
251 115-57-12-54
251 115-57-13-24
Nuuf bilbilaa, 24/7

Duraanuu maamilaa?

Damee naannoo keessan jiru asitti argachuu dandeessu ykn odeeffannoo argachuuf nu qunnamuu dandeessu

App keenya yaalaa

Appii mobaayilaa baankii amaloota guutuu qabu kan daldalaa fi dhuunfaaf fayyadamuu dandeessan

Oct 25, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
119.2055 121.5896
GBP
146.5477 149.4786
EUR
129.2543 131.8394
AED
29.3709 29.9583
SAR
28.7559 29.3311
CHF
129.6006 132.1926

Exchange Rate
Close