Baankii Mobaayilaa

Baankii Mobaayilaa

Waaleetii Moobaayilaa Awaash

Waaleetiin Moobaayilaa Awaash, tajaajila baankii moobaayilaa Baankii Awaashiin kennamudha. Innis fayyadamuuf salphaafi mijataa kan ta’edha. Namni bilbila harkaa kamiyyuu qabate qunnamtii intarneetaa malee bakka neetwoorkiin bilbilaa jirutti tajaajila argachuu ni danda’a. Akkasumas tajaajila waan argataniif opireetera telekoom irraa kaffaltii hin gaafatamtani

Akkamiin waaleetii moobaayilaa Awaash galmaa’uufi bilbila harkaa fayyadamuun herreega sochoosuu dandeenya?

  1. Damee Baankii Awaash 
  2. Ejentoota Baankii Awaash
  3. Akkaawuntii moobilaa baankii keessanitti damee Baankii Awaash ykn Bakka bu’aa kamittuu galchuu ni dandeessu.
  4. Akkaawuntii mobaayilaa baankii keessan keessatti hanga ETB 25,000.00 qusachuu dandeessu
  5. Maallaqa moobilaa baankii keessan keessaa hanga qarshii 6,000.00tti guyyaa tokkotti ykn sa’aatii 24 keessatti karaa, ATM ykn damee baankii awaash irraa baasuu dandeessu.

Wallet Awaash keessa seenuu 

  • Galmeen erga xumuramee booda ergaa gabaabaan karra ergaa gabaabaa Baankii Awaash irraa maamilaaf ergamuun galmee mirkaneessaa fi PIN jalqabaa (Lakkoofsa Eenyummaa Dhuunfaa) dijiitii afur of keessaa qabu isinif ergama.

Jalqabuuf *901# bilbili

Itti fufuuf PIN dijiitii 4 kee dirree keessatti galchi:

Systemichi PIN jalqabaa kee haaraadhaan akka jijjiirtu si dirqisiisa, achiis PIN haaraa yaadachuu dandeessu galchi garuu lakkoofsi walfakkaataan kan akka 2222 hin hayyamamu. Mirkaneessuuf PIN haaraa keessan yeroo lama galchuu qabdu.Keessan erga jijjiirtanii booda PIN haaraa kanaan seenuu qabdu. Sana booda sirnichi akka Mobile Wallet System eentaan isini hayyama,tokkoon tokkoon menu gurguddoo armaan olii jalatti menu xiqqaa birootu jira, akkuma armaan gaditti agarsiifame:

1.Gaaffii haftee herreega 

  • Herreega Baankii
  • Herreega Waaleetii, baay’ina herreega walitti hidhame irratti hundaa’uun.

2. Biilii Mobaayilaa

3. Gaaffii Jijjiirraa sharafa alaa

  • Sadarkaa Bittaa
  • Sadarkaa Gurgurtaa

4.  Maallaqaa dabarsuu

5. Maallaqa baasuu

6. Maallaqa Erguu

7.Kaffaltiiwwaan raawwachuu

8. Tajaajila Biroo

  • Ibsa Xiqqaa
  • Ibsa Guutuu
  • Lakkoofsa Icitii/PIN jijjiiruu
  • Qooqa/Afaan jijjiiruu

 

Akkaataa Tajaajila Argachuu Dandeenyu

karra USSD fayyadamuun akkaawuntii keessan hojjechisuun  baayyee salphaadha. Step ykn tarkaanfiiwwan armaan gaditti gabaabinaan tarreeffamaniiru..

  • Tajaajila argachuuf  *901# bilbili
  • PIN keessan sirritti galchaa
  • Lakkoofsa tajaajiloota dirree keessaa wajjin walsimu galchuudhaan tajaajila filadhu..
  • Tajaajila biraatti osoo hin deemin dura tajaajila tokko xumuruu qabda.
  • Yeroo murtaa'e keessatti PIN keessan jijjiiruun gaariidha.PIN kee yoo dagatte damee sitti dhihaatutti iyyachuu qabda ,PIN haaraa battalumatti argachuu dandeessu.

 

Toora Intarneetiin Herreega Banadhaa

Deeggarsa?

8980
251 115-57-12-54
251 115-57-13-24
Nuuf bilbilaa, 24/7

Duraanuu maamilaa?

Damee naannoo keessan jiru asitti argachuu dandeessu ykn odeeffannoo argachuuf nu qunnamuu dandeessu

App keenya yaalaa

Appii mobaayilaa baankii amaloota guutuu qabu kan daldalaa fi dhuunfaaf fayyadamuu dandeessan

Apr 19, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.8204 57.9568
GBP
67.6774 69.0309
EUR
60.6615 61.8747
AED
13.9997 14.2797
SAR
13.7079 13.9821
CHF
59.7024 60.8964

Exchange Rate
Close