Herreega Qusannaa Addaa Maanguddootaa

Faayidaa keessaa muraasni

Adeemsa ifa ta’e

Bu’uurri kun manguddoonni tajaajila Baankii guyyaa guyyaa rakkina hin of danda’anii akka sochoosan gargaara, akkasumas banuufi sochoosuuf salphaa kan ta’eefi manguddoonni hojjettoota damee baankichaatiin gargaaramaniifi ilaalcha adda itti kennamuufidha. Dabalataanis dameelee bakka gahaa qaban keessatti deeskii manguddootaa addatti baasuun, ofisara hariiroofi hojjettoota sarara fuulduraa kallattiin akka argatan gochuun osoo tarree hin eegin tajaajilli isaan barbaachisu akka kennamuuf ta’a. dhumarrattis, herreega kana banuuf sanadoota KYC eenyummaafi umurii maamilaa mirkaneessan qofatu barbaachisa

Tajaajila Maamilaa fooyya’aa

Baankichi fedhii addaa jaarsolii kan hubatan, haalaan dhaggeeffachuufi deebisuu, gaaffiiwwan hin baratamne to’achuu, haalota saaxiloo kessumaa ammo gadi bu’insa hubannoo, gowwomsaafi miidhaa maallaqaa wajjin wal qabatee haalaan tajaajila kan kennan hojjettoota leenjii gaarii qabaniin mangudoota tajaajila

Tajaajila Dursaa

Jaarsoliin dameelee Baankii Awaash hundatti osoo tarree eeguun isaan hin barbaachifne tajaajila dursa ni argatu. Akkasumas ofisaroonni hariiroo, hojjettoonni gabaafi dameelee biroo maanguddootaaf karaa baay’ee umuriidhaaf mijatu dursa kennuudhaan ni keessummeessu

Salphaatti Argamuu

Jaarsoliin bakka kamirraayyuu saffisaafi mijataa akkasuma sa’a 24 torbee guutuu kan hojjetu karaa toora Intarneetii, moobaayiliifi ATM herreega isaanii sochoosuu danda’u

Abbummaa Waloo

Manguddoonni haadha warraa isaanii ykn nama gara biraa xalayaa mirkaneessituu umrii malee abbaa herreega waliinii taasisanii dhiyeessuu ni danda’u. Herreega waliinii yeroo ta’u abbaan herreegaa inni murteessaa/jalqabaa manguddoo ta’uu qaba

Dhala Fooyya'aafi Hir'ina Addaa fi Faayidaa

Herreegni Qusannoo addaa manguddootaa tajaajila namoota gurguddaa umriin isaanii waggaa 55fi isaa ol ta’eef kan banamuudha.

Haala Itti Fayyadama Herreega Qusannoo Addaa Manguddootaa

  • Manguddoonni biyyaaf tajaajila yeroo dheeraa gumaachaa turan kun herreega isaanii yeroo manguddummaa kanatti akka fayyadamaniif kan qophaa’eedha.
  • Manguddoonni herreega isaanii bara manguddummaa isaanii itti fufsiifachuun irraa fayyadamuu danda’u.
  • Tajaajilichi qusannoon maanguddootaaf aadeffannaa kan ta’uuf, mijaawaafi salphaa akka ta’u yaadamee kan qophaa’eedha.
  • Tajaajilichi haala fedhii manguddootaa guutuun dhiyeessuun akka itti fayyadaman taasisa.
  • Tajaajila qusannoo addaa manguddootaan faayidaawwaniifi jajjabeessituuwwan adda addaa haala kabaja manguddummaa isaanii eegeen kan itti kennamuudha.

Fayyadamtoota Herreega Manguddootaa

Namoonni umrii waggaa 55 fi isa ol ta’an fayyadamuu danda’u.

Faaydaawwan Herreega Addaa Manguddootaa

  • Tajaajila maamilummaa fooyya’aa argachuu.
  • Tajaajila dura aantummaan/dursi kennamuufiin/ argachuu.
  • Dhala baankii fooyya’aa argachuu.

Herreegicha banuuf

  • Waraqaa eenyummaa bara dhaloota ibsu.
  • Paaspoortii bara dhalootaa ibsu.
  • Waraqaa ragaa guyyaa dhalootaa qaama dhimmi ilaalaallatuun haaromsame.
  • Suuraawwan lama.
  • Dabtara sooramaa.
Maamiltoota ulaagaa guutan

  • Herreega waliinii yoo ta’e, abbaan herregaa inni jalqabaa “Maanguddoo” ta’uu qaba.

Sanadoota Herreega Banuuf Barbaachisan – KYC fi Sanada Mirkaneessa Umurii

  • Waraqaa eenyummaa Gandaa seera qabeessa ta'e guyyaa dhalootaa agarsiisu
  • Paaspoortii guyyaa dhalootaa agarsiisu
  • Ragaa Dhalootaa qaama hayyamameen kenname, 
  • Kitaaba sooramaa fi kkf.

Open a Bank Account Online Today

Need more help?

8980
251 115-57-12-54
251 115-57-13-24
Call us, we’re available daily 9AM to 11PM

Already a customer?

You can find branches near you here or contact us for information here

Try Our App

A full features banking mobile app for bussiness & personal use.

Jan 17, 2026 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD USD
152.0361 155.0768
GBP GBP
205.9102 210.0284
EUR EUR
179.9911 183.5909
JPY JPY
0.9860 1.0057
SAR SAR
43.0286 43.8892
AED AED
43.9667 44.8460
CAD CAD
108.7970 110.9729
CHF CHF
182.5411 186.1919
NOK NOK
13.5236 13.7941
DKK DKK
20.9780 21.3976
SEK SEK
13.8775 14.1551