Herreega Qusannaa Addaa Maanguddootaa

Faayidaa keessaa muraasni

Adeemsa ifa ta’e

Bu’uurri kun manguddoonni tajaajila Baankii guyyaa guyyaa rakkina hin of danda’anii akka sochoosan gargaara, akkasumas banuufi sochoosuuf salphaa kan ta’eefi manguddoonni hojjettoota damee baankichaatiin gargaaramaniifi ilaalcha adda itti kennamuufidha. Dabalataanis dameelee bakka gahaa qaban keessatti deeskii manguddootaa addatti baasuun, ofisara hariiroofi hojjettoota sarara fuulduraa kallattiin akka argatan gochuun osoo tarree hin eegin tajaajilli isaan barbaachisu akka kennamuuf ta’a. dhumarrattis, herreega kana banuuf sanadoota KYC eenyummaafi umurii maamilaa mirkaneessan qofatu barbaachisa

Tajaajila Maamilaa fooyya’aa

Baankichi fedhii addaa jaarsolii kan hubatan, haalaan dhaggeeffachuufi deebisuu, gaaffiiwwan hin baratamne to’achuu, haalota saaxiloo kessumaa ammo gadi bu’insa hubannoo, gowwomsaafi miidhaa maallaqaa wajjin wal qabatee haalaan tajaajila kan kennan hojjettoota leenjii gaarii qabaniin mangudoota tajaajila

Tajaajila Dursaa

Jaarsoliin dameelee Baankii Awaash hundatti osoo tarree eeguun isaan hin barbaachifne tajaajila dursa ni argatu. Akkasumas ofisaroonni hariiroo, hojjettoonni gabaafi dameelee biroo maanguddootaaf karaa baay’ee umuriidhaaf mijatu dursa kennuudhaan ni keessummeessu

Salphaatti Argamuu

Jaarsoliin bakka kamirraayyuu saffisaafi mijataa akkasuma sa’a 24 torbee guutuu kan hojjetu karaa toora Intarneetii, moobaayiliifi ATM herreega isaanii sochoosuu danda’u

Abbummaa Waloo

Manguddoonni haadha warraa isaanii ykn nama gara biraa xalayaa mirkaneessituu umrii malee abbaa herreega waliinii taasisanii dhiyeessuu ni danda’u. Herreega waliinii yeroo ta’u abbaan herreegaa inni murteessaa/jalqabaa manguddoo ta’uu qaba

Dhala Fooyya'aafi Hir'ina Addaa fi Faayidaa

Herreegni Qusannoo addaa manguddootaa tajaajila namoota gurguddaa umriin isaanii waggaa 55fi isaa ol ta’eef kan banamuudha.

Haala Itti Fayyadama Herreega Qusannoo Addaa Manguddootaa

  • Manguddoonni biyyaaf tajaajila yeroo dheeraa gumaachaa turan kun herreega isaanii yeroo manguddummaa kanatti akka fayyadamaniif kan qophaa’eedha.
  • Manguddoonni herreega isaanii bara manguddummaa isaanii itti fufsiifachuun irraa fayyadamuu danda’u.
  • Tajaajilichi qusannoon maanguddootaaf aadeffannaa kan ta’uuf, mijaawaafi salphaa akka ta’u yaadamee kan qophaa’eedha.
  • Tajaajilichi haala fedhii manguddootaa guutuun dhiyeessuun akka itti fayyadaman taasisa.
  • Tajaajila qusannoo addaa manguddootaan faayidaawwaniifi jajjabeessituuwwan adda addaa haala kabaja manguddummaa isaanii eegeen kan itti kennamuudha.

Fayyadamtoota Herreega Manguddootaa

Namoonni umrii waggaa 55 fi isa ol ta’an fayyadamuu danda’u.

Faaydaawwan Herreega Addaa Manguddootaa

  • Tajaajila maamilummaa fooyya’aa argachuu.
  • Tajaajila dura aantummaan/dursi kennamuufiin/ argachuu.
  • Dhala baankii fooyya’aa argachuu.

Herreegicha banuuf

  • Waraqaa eenyummaa bara dhaloota ibsu.
  • Paaspoortii bara dhalootaa ibsu.
  • Waraqaa ragaa guyyaa dhalootaa qaama dhimmi ilaalaallatuun haaromsame.
  • Suuraawwan lama.
  • Dabtara sooramaa.
Maamiltoota ulaagaa guutan

  • Herreega waliinii yoo ta’e, abbaan herregaa inni jalqabaa “Maanguddoo” ta’uu qaba.

Sanadoota Herreega Banuuf Barbaachisan – KYC fi Sanada Mirkaneessa Umurii

  • Waraqaa eenyummaa Gandaa seera qabeessa ta'e guyyaa dhalootaa agarsiisu
  • Paaspoortii guyyaa dhalootaa agarsiisu
  • Ragaa Dhalootaa qaama hayyamameen kenname, 
  • Kitaaba sooramaa fi kkf.

Toora Intarneetiin Herreega Banadhaa

Deeggarsa?

8980
251 115-57-12-54
251 115-57-13-24
Nuuf bilbilaa, 24/7

Duraanuu maamilaa?

Damee naannoo keessan jiru asitti argachuu dandeessu ykn odeeffannoo argachuuf nu qunnamuu dandeessu

App keenya yaalaa

Appii mobaayilaa baankii amaloota guutuu qabu kan daldalaa fi dhuunfaaf fayyadamuu dandeessan

Oct 25, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
119.2055 121.5896
GBP
146.5477 149.4786
EUR
129.2543 131.8394
AED
29.3709 29.9583
SAR
28.7559 29.3311
CHF
129.6006 132.1926

Exchange Rate
Close