Afaan Oromoo News

Baankiin Awaash Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa irraa aksiyoona Birrii miiliyoona 70 bitachuu beeksise.

Baankiin Awaash carraa gabaan kaappitaalaa Itiyoophiyaa dhaabbilee faayinaansiitiif qabu irratti hundaa’uun ibsa gaazexeessitootaaf Bitootessa 21, 2016 waajjira muummee baankichaatti kenneen bitachuu isaa beeksise.Hojii gaggeessaan olaanaa baankii keenyaa Ato Tsehaayii Shifeeraaw ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, invastimantiif kaappitaala walitti qabuun gabaa kaappitaalaa sirna diinagdee gabaan durfamu keessatti hundeeffamee guddifamuun guddina dinagdee biyya tokkoo irratti dhiibbaa guddaa […]

Maasteer kaardii fi Baankiin Awaash waliin ta’uun tajaajila haaraa kaardii dursee kaffalamuu fi karra kaffaltii addunyaa eegalaniiru.

Tajaajila baankii ammayyaa teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramuun qaqqabummaa isaa babal’isaa kan jiru Baankiin Awaash, Maastarkaard waliin ta’uun, sirna eebbaa har’a waajjira muummee baankichaatti gaggeeffame irratti, teeknooloojii tajaajila kaardii dursee kaffalamuu fi karra kaffaltii idil-addunyaa haaraa ifoomseera. Hojii gaggeessaan olaanaa Baankii Awaash fi Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Olaanaa Buleessa, Ofisara Sirna Gabaa obbo Yohaannis Margaa sirna eebbaa […]

Baankiin Awaash gamoo abbaa darbii 4 magaalaa Baalee Roobeetti ijaare eebbiseera

Finfinnee fi magaalota naannolee adda addaa keessatti gamoo mataa isaa ijaaruun kan beekamu Baankiin Awaash, gamoo ammayyaa abbaa darbii 4 Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Baalee magaalaa Roobeetti ijaaruun bakka qondaaltotni mootummaa olaanoon argamanitti eebbisiiseera.Hojii gaggeessaan olaanaa baankichaa obboo Tsahaay Shifarraa sirna eebbaa kanarratti akka ibsanitti gamoon kun kan ijaarame magaalaa guddoo Godina Baalee kan taate, […]

Baankiin Awaash Humna Ibsaa Itoophiyaa waliin waliigaltee waliin hojjachuuf dandeessisu mallatteessan.

Haaluma waliigaltee kanaan kaffaltii tajaajila humna ibsaa filannoowwan kaffaltii Baankii Awaashiin si’eessuun akkasumas maamiltootni dhaabbilee faayinaansii biroo bu’aa bayii tokko malee kaffaltii isaanii dhaabbata faayinaansii filannoo isaanii ta’e irraa akka kaffalan kan dandeessisu ta’uun isaa eerameera.Baankiin Awaash tajaajila isaa daraan fooyyessuuf bittaa teekinoolojiiwwan ammayyaawaa ta’an gaggeessuun tajaajiloota baankii dijitaalaa babal’isuurratti kan argamu yeroo ta’u yaada, […]

Baankiin Awaash tajaajila damee dijitaalaa ammayyaa Hojii eegalsiise.

Tajaajila Baankii ammayyaawaa fi amansiisaa ta’e maamiltoota isaaf dhiheessuuf yeroo hundaa tattaaffii kan gochaa jiru Baankiin Awaash sagantaa eebbaa damee dijitaalaa (e-Branch) Magaalaa Finfinnee, Geetuu komeershaal Seentarii fi Naannoo Bisraata Gabri’eelitti akkasumas Finfinneen ala Magaalaa Adaamaa keessatti guyyaa har’aa eebbisiisuun hojii eegalsiiseera. Hoji gaggeessaa Olaanaan Baankichaa Obboo Tsahaay Shifarraaw sirna kanarratti akka ibsanitti, dameewwan dijitaalaa […]

Page 1 of 4
1 2 3 4

Apr 26, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.8903 58.0281
GBP
67.9672 69.3265
EUR
60.9864 69.3265
AED
14.0174 14.2977
SAR
13.7269 14.0014
CHF
59.4683 60.6576

Exchange Rate
Close