Injifattoonni Dorgommii Qaxaleewwanii badhaasa isaanii fudhataniiru


Baankiin Awaash rakkoo hoji dhabdumma biyya keenyaa furuu irratti gahee olaanaa ni qabaata jedhamee kan itti amanamu piroojeektii Qaxaleewwanii irratti dargaggoota hedduuf leenjii ogummaa biizinasii kennuudhaan alatti torbeewwan hedduuf foddaa televijiiniitiin tamsa’aa kan tureefi hojii isaanii pirootootaayippiin deeggarame dhiyeessuun morkii cimaa taasisuudhaan murtee abboota murtiitiin mo’attoota sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa tokkoon tokkoon isaaniitiif jechuunis sadarkaa 1ffaa Qarshii Miliyoona Tokko (1,000,000.00), sadarkaa 2ffaa Qarshii Kuma Dhibba Torba (700,000.00), sadarkaa 3ffaa Qarshii Kuma Dhibba Shan (500,000.00), sadarkaa 4ffaa Qarshii Kuma Shibba Sadi (300,000.00), fi sadarkaa 5ffaa Qarshii Kuma Dhibba Lama (200,000.00) badhaasee jira. Akkasumas piroojeektota isaanii irratti hundaa’uun liqaan Qarshii haga Miliyoona Shanii (5,000,000.00) qabsiisa tokko malee mijateefii jira. Sirna cufinsa dorgommii Qaxaleewwanii Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffame irratti hoji gaggeessaan olaanaa baankichaa Obbo Tsahaay Shifarraa haasaa taasisaniin qaama itti gaafatamummaa hawaasummaa dhaabbatichaa kan ta’e piroojeektiin Qaxaleewwanii jabaatee akka itti fufu ibsanii jiru. Qophicha irratti hoggantoota mootummaa olaanoo dabalatee keessummoonni waamichi taasifameef hedduun argamanii jiru.

Jul 26, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
57.4895 58.6393
GBP
70.6759 72.0894
EUR
62.3359 63.5826
AED
14.1646 14.4479
SAR
13.8682 14.1456
CHF
62.5028 63.7529

Exchange Rate
Close