Piroofaayilii  Dhaabbatichaa

Waa’ee Baankii Awaash

Baankii dhuunfaa biyyattii jalaqabaa kan ta’e Baankiin Awaash kufaatii sirna sooshaalistii booda Adoolessa 10, bara 1994 hundeeffame. Baankichi kaappitaala kaffalame birrii miliyoona 24.2n abboota aaksiyoona hundeessitootaa 468n kan hundeeffame yoo ta’u, Fulbaana 13, bara 1995 hojii eegale. Baankichi erga hojiitti seenee booda guddina ajaa’ibaa galmeessee jira galmeessaas jira. Qormaatni baay’een akka biyyaafi addunyaatti jiraatanillee baankiin Awaash, baankota dhuunfaa Itoophiyaa keessa socho’an keessaa rawwii hojiifi faayinaansii olaanaa argamsiiseera. Baankiin Awaash yeroo ammaa bu’uura kaappitaalaafi maamiltootaa, dandeettii teekinoloojiifi hunma namaa cimsuu irratti hojjetaa jira.

Maqaan keenya laga Awaash biyya keenya keessatti jallisiiwwan xixiqqaa irraa hanga guguddaa, humna elektiriikii bishaanii maddisiisuufi hojii industiriif baldhinaan kan fayyadu irraa kan maddedha. Kanaan wal qabsiisee, mata dureen “Akka lagaa kunuunsuu” jedhu baankiin Awaash guddina hawaas-dinagdee biyyattii keessatti gumaacha guddaa akka qabu agarsiisa. Akkasumas amala qusannaa, kenninsa liqii jajjabeessuun sirna kaffaltii gahumsaafi saffisaa ta’e mijeessuun uummata tajaajilla.

Akkuma duudhaalee ijoo baankii keenyaa keessaa tokko dhaqqabummaa ta’e, yeroo hunda karaa kenninsa tajaajila adda addaatiin dhaqqabummaa keenya fooyyessuuf carraaqna. Yeroo ammaa kana hidhata baldhaa dameelee isaa gidduu jiruun baankii dhuunfaa biyyattii keessatti dhaqqabamaa ta’edha. Dabalataanis, maamiltoota keenyaaf tajaajila sa’a 24 torbee guutuu karaa ATM, tarminaala gurgurtaa (POS), intarneetii, moobaayiliifi baankii ejensii (bakka bu’aa) ni kennina.

Itti gaafatamummaan hawaasummaa dhaabbilee erga baankiin Awaash hundeeffamee kaasee wiirtuu hojii isaati. Kaayyoon baankichaas haala hawaas-dinaagdee hawaasa keessa socho’uu jijjiiruuf deeggarsa maallaqaa gochuun barnoota, fayyaa, nageenya naannoofi hawaasummaa kutaa hawaasa miidhamoo fooyyessuuf hojjeta. Dhiibbaa gaariin hojiiwwan keenyaa baay’ina manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa dhaabbilee miti-mootummaa waliin ta’uun ijaaraman, dhaabbilee fayyaa fooyya’aniifi biqiltuuwwan kutaalee biyyattii gara garaa keessatti dhaabamaniifi kkf irratti ni muldhata.

Milkaa’inni keenya kan madaalamu galma jaarmiyaa keenyaafi kaayyoo tarsimoo keenya keessatti ibsame dhugoomsuudhaani. Gama kanaan mata duree “Baankii Intarnaashinaalii Awaash Ceesisuu: muldhata bara 2025” jedhuun tarsimoo waggaa 10 qopheeffatee socho’aa jira. Innis galmawwan faayinaansiifi faayinaansii alaa qaba. Kanas ta’ee sana, akkaataa raawwii hojii hanga ammaatti baankichi bara 2025 dursee galmawwan sana milkeessuuf qarqara irra akka jiru agarsiisa. Baankiin Awaash waggoota kurnan dabran keessatti agarsiistota raawwii faayinaansii ijoo irra caalaan isaanii guddina indastirii baankii giddu galeessaa ol galmeessee jira. Dhugummaan baankiin Awaash, baankota dhuunfaa biyyattii keessa socho’an keessaa guddina saffisaa galmeessee jira. Bu’aan dinqisiisaa kun kan dhufes hoggansa muldhataa boordii daayireektaroota keenyaa, garee hoggansa of kennee hojjetuu, hojjettoota kutannoo qabaniifi maamiltoota amanamoo ta’aniinii.

Kaayyoofi tarsiimoon keenya kan bu’uureffate hawwii

Muldhata:

“Dhaabbata dhiyeessa tajaajila faayinaansii filatamaafi hunda caalaa akkasumas bakka maamiltoonni gati-qabaachuun isaanii itti dhagahamu ta’uu”

Ergama:

“Tajaajila baankii kalaqaafi dhaqqabamaa ta’e maamila keenyaaf kennuudhaan hojjettoota teekinooloojii, kaka’umsaa fi dandeettii guddaa qaban fayyadamuun gatii abbootii aksiyoonaa guddisuu fi jireenya hawaasaa irratti dhiibbaa gaarii gochuu.”

 

Duudhaalee keenya ijoo/Our core values

A – Dhaqqabummaa(Accessibility )
W – Ogummaa (Wisdom)
A – Itti gaafatamummaa (Accountability)
S – Hawaasummaa (Social Responsiblity )
H – Amanamaa (Honest)

Jun 21, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
57.2653 58.4106
GBP
69.4105 70.7987
EUR
61.4457 62.6746
AED
14.1090 14.3912
SAR
13.8141 14.0904
CHF
61.4753 62.7048

Exchange Rate
Close