Baankiin Awaash tajaajila damee dijitaalaa ammayyaa Hojii eegalsiise.

Tajaajila Baankii ammayyaawaa fi amansiisaa ta’e maamiltoota isaaf dhiheessuuf yeroo hundaa tattaaffii kan gochaa jiru Baankiin Awaash sagantaa eebbaa damee dijitaalaa (e-Branch) Magaalaa Finfinnee, Geetuu komeershaal Seentarii fi Naannoo Bisraata Gabri’eelitti akkasumas Finfinneen ala Magaalaa Adaamaa keessatti guyyaa har’aa eebbisiisuun hojii eegalsiiseera. Hoji gaggeessaa Olaanaan Baankichaa Obboo Tsahaay Shifarraaw sirna kanarratti akka ibsanitti, dameewwan dijitaalaa baankichi Ifoomsee teeknolojiiwwan ammayyaa kan fayyadaman yoo ta’u maamiltoonni yeroo kamiyyuu deeggarsa dabalataa malee tajaajila isaan barbaachisu ofii isaaniitiin akka of tajaajilaniif  carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Jul 04, 2025 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling