Baankiin Awaash Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa irraa aksiyoona Birrii miiliyoona 70 bitachuu beeksise.

Baankiin Awaash carraa gabaan kaappitaalaa Itiyoophiyaa dhaabbilee faayinaansiitiif qabu irratti hundaa’uun ibsa gaazexeessitootaaf Bitootessa 21, 2016 waajjira muummee baankichaatti kenneen bitachuu isaa beeksise.
Hojii gaggeessaan olaanaa baankii keenyaa Ato Tsehaayii Shifeeraaw ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, invastimantiif kaappitaala walitti qabuun gabaa kaappitaalaa sirna diinagdee gabaan durfamu keessatti hundeeffamee guddifamuun guddina dinagdee biyya tokkoo irratti dhiibbaa guddaa qaba . Guddina diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa hamaa akka qabu ibsaniiru.
Bu’uura labsii hundeeffama gabaa kaappitaalaatiin, Jijjiirraan Sekuritiiwwan Itiyoophiyaa dhaabbata aksiyoonaa ta’ee kan hundeeffame yoo ta’u, seektaroota miseensa gabaa aksiyoonaa ta’uuf dursa kennaman keessaa akka ta’e hoji gaggeessaan jijjiirraa sekuritiiwwan Itiyoophiyaa Dooktar Tilahun Ismaa’el ibsa kennaniin ibsaniiru.
Akkuma beekamuu Baankiin Awaash erga hundeeffamee kaasee waggoota 29 darbaniif tajaajila baankii ammayyaa fi amanamaa ta’e ummataaf kennuudhaan guddina diinagdee biyya keenyaa fi fooyya’iinsa hawaasa keenyaaf gumaacha kan godhe yoo ta’u ammas gumaacha taasisaa jira.\

Jul 26, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
57.4895 58.6393
GBP
70.6759 72.0894
EUR
62.3359 63.5826
AED
14.1646 14.4479
SAR
13.8682 14.1456
CHF
62.5028 63.7529

Exchange Rate
Close