Baankiin Awaash Ummata Booranaa ongeedhaan miidhamaniif Birrii Miiliyoona 30 arjoomeera.

Ummata yeroo gara garaa sababoota uumamaafi nam-tolcheedhaan rakkoodhaaf saaxilamaniif qaqqabuun kan beekamu Baankiin Awaash Ummata Booranaa ongeedhaan miidhamaniif Birrii Miiliyoona 30 arjoomeera.
Bara darbes ummata godinichaa rakkoo wal fakkaataadhaaf saaxilameef Birrii Miiliyoona 60 kan gumaache yoo ta’u, haaluma.wal fakkaatuun sababa walitti bu’iinsaa Lixa Oromiyaatti ummameen ummata qe’ee isaaniirraa buqqa’aniifi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraatti abbootii warraa sababa rooba cimaatiin manni isaanii jalaa diigameef gumaacha taasiseera.

Jun 08, 2023 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
54.3861 55.4738
GBP
64.6741 65.9676
EUR
58.2693 59.4347

Exchange Rate
Close