Liqaa Dijitalawaa Qonnaan Bultootaa

Liqaa Dijitalawaa Qonnaan Bultootaa Awaash-Dambiiwwan

  • Baankii: Baankii Awaash
  • Isin/Keessan/Maamila: Qonnaan bulaa liqaa gaafataa jiru
  • Liqaa: liqaa xiqqaa haga Qarshii 10,000 gama Voocherii dijitaalawaan.
  • Voocherii: Koodii addaa karaa ergaa gabaabaa ergamuufi galtee qonnaa dhiyeessitoota beekamtii qaban irraa bituu dandeessisu.
  • Voocheriin hojiin ala ta’uu: guyyaa itti koodiin addaa ergame hojiin ala ta’u
  • Sagantaa itti liqaan deebi’u: Karoora liqaa deebii ega liqaan gadi dhiifamee muldhatu
  • Dhala: dhala liqaan fudhatame guyyaa guyyaan argamsiisu
  • Adabbii yeroon kaffaluu dhabuu: maallaqa liqeeffatan yeroon deebisuu dhabuun adabbii guyyaa guyyaan dhalu
  • Siistama: pilaatfoormii dijitaalawaa liqaa baankii Awaash
  • Waldaalee seera qabeessaan voocherii fayyadamuun galtee qonnaa raabsan
  • Tajaajilicha fayyadamuun dura dambiiwwan dhiyaatan dubbisuun ittiin walii galuu qabdu.
  • Liqii gaafachuudhaan ykn voocharii jijjiiruudhaan, dambiiwwan kana ni fudhattu
  • Yoo itti walii hin galle ta’e, gaafii keessan addaan kutaa
  • Itti fuftan jechuun, fayyadamaa tajaajila Sanaa ta’uu agarsiisa.
  • Gaaffiin keessan ega mirkanaa’ee booda, koodii voocherii karaa ergaa gabaabaa isin qaqqaba.
  • Voocheriin kunis daldaltoota tajaajilicha akka kennaniif filataman qofa biratti gatii qabaata.
  • Hunda isaa yeroo tokkotti ykn gariin, hanga guyyaa dhumaatti fayyadamuu dandeessu
  • Osoo hin fayyadamne guyyaan yoo gahe, tajaajilli addaan akka citu ni taasifama ykn tajaajilichi hin jiraatu
  • Hanga liqaa: [hanga liqaa gadi Aanaa] – [Hanga liqaa Olaanaa] (Olaanaa= Qarshii 10,000)
  • Turtii: Waggaa 1 (Ji’a 12)
  • Deebisanii kaffaluu: Garaa garummaa ji’a 6, waggaatti yeroo lama)
  • Kenna kaffaltii liqaa: Akka voocheriitti (harkaaf harkatti kan hin taane)
  • Haala hojiirra oolmaa: Battaluma voocherii sana jijjiirtanitti
Interest/Dhala
  • [Hanga bu’aa %] kaffaltii adabbii guyyaa guyyaa
  • Guyyaa itti voocherii jijjiirtan irraa eegala
Kaffaltii adabbii
  • Kaffaltii guyyaa guyyaa maallaqa yeroon isaa darbe irratti kaffalamuu
kaffaltii haala mijeessitummaa
  • [Kaffaltii haala mijeessitummaa %] Kaffaltiin yeroo tokkoo yeroo liqiin mijeeffamu hir’ifamu
  • Yeroo feetan-hinumayyuu osoo guutummaa voocherii keessan hin fayyadamin
  • Kaffaltiiwwan

 

  1. Adabbii

 

  1. Bu’aa

 

  1. Hanga liqaa (Haadhoo)

 

  • Guyyaa itti deebi’u
  • Siistemni baankii maallaqa liqeeffatame sana lakkoofsa herreega baankii keessan irraa fudhata
  • Yoo maallaqni gahaan hin jiru ta’emmoo, lakkoofsa herreega baankii walitti hidhamee jirurraa fudhata
  • Ammas maallaqni jiru gahaa yoo ta’uudhaa baate haga jiru irraa hirdhisuudhaan kan hafemmoo adabbiin guyyaa guyyaa akka hojiirra oolu taasisa.
  1. Guutummaatti fayyadamuu: Siistamni kaffaltii deebii guutuu herrega galmaa’e irraa hir’isa. Yoo maallaqni xiqqaa ta’e, gariin hir’ateefi kaffaltiin adabbii kan hojiirra oolu ta’a.
  2. Fayyadama garii(muraasa): Gatii voocheerii hin fayyadamne yeroo koodiin xumuramu qofaa akka maallaqaatti herrega keetti seena, kan dura miti; booda immoo kaffaltii deebisuuf ni fayyadama.
  3. Kan hin fayyadamne: Liqaan waan gadi hin dhiifamneef, tajaajilichi addaan citeera.
  • Odeeffannoo sirrii waa’ee keessaniifi tajaajila Baankii guutaa
  • Liqaa deebisuuf kan ta’u maallaqa gahaa herreega keessan irra kaa’aa
  • Voocharii mirkanaa’e daldaltoota filataman biratti qofaa fayyadamtu
  • Yaalii dogoggorsaa ykn seeraan ala fayyaadamuuf yaalii taasisuu argamu kamiyyuu eeruu kennaa
  • Herreega keessan eegudhaan yoo balaan irra gahe baankiif eeruu kennaa
  • Yoo seera cabsitanii argamtan baankichi liqaa keessan isin jalaa ugguruu danda’a
  • Baankichi voocharii hojiirra hin oolle hojiin ala taasisuu danda’a
  • Baankichi sababa dhimma teeknooloojiitiin ykn taateewwan to’annaa isaan ala ta’an birootiin harkifannaa uumamuuf itti gaafatamummaa hin fudhatu
  • Odeeffannoo haaraa gama ergaa gabaabaa, appilikeeshina moobaayilaafi USSDtiin akka isin qaqqabuuf itti walii galtu
  • Odeeffannoo qunnamtii keessan haaromsaa
  • Mallattoon dijitaalawaa kan harkaan mallattaa’een wan fakkaatu karaa pilaatfoormii ni dhiyaata
  • Odeeffannoon keessan haaluma ittiin bulmaata baankiichaatiin liqaa mijeessuu qofaaf kan oolu ta’a.
  • Qaamota amanamoo haala mijeessitoota liqaa sana waliin qofa waliin kan qoodamu ta’a
  • Baankichi yoo seera cabsitan ykn sababa nageenya siistamaatiin tajaajila liqii keessan addaan kutuu danda’a
  • Liqaan keessan kan dhumatu, erga kaffaltii liqaa guutummaan deebistanii
Open a Bank Account Online Today

Need more help?

8980
251 115-57-12-54
251 115-57-13-24
Call us, we’re available daily 9AM to 11PM

Already a customer?

You can find branches near you here or contact us for information here

Try Our App

A full features banking mobile app for bussiness & personal use.

[rates_widgest title="EXCHANGE Rate" selected_currencies="USD, GBP, EUR, AED, SAR, CNY,JPY,CHF" more_link="#"]