Baankiin Awaash kalaqa hojii jajjabeessuuf cimee kan hojjetu ta’uu ibse

Hojii geggeessaan olaanaa Baankii Awaash obbo Tsaaye Shifarraa sirna dorgommii cufiinsa kalaqa hojii Qaxaleewwaniirraatti akka jedhanitti, baankichi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa ba’uuf kalaqa hojii kan jajjabeessuufi deggersa faayinaansii taasisuuf jecha pirojektii haaraa Qaxaleewwan kan jedhu dorgommii kalaqa hojii qophaa’uu isaa ibsuun, baankiin keenya guddina biyyaaf kan fayyadu yaada kalaqa hojii haaraa kanneen qaban garuu sababa hanqina maallaqaaf kalaqa isaanii gara hojiitti jijjiiruu dadhabaniif daggersa faayinaansiifi leenjii kennuu isaa ibsaniiru. 

Dorgommii kalaqa hojii kanarratti kan hirmaatan naannoolee hundarraa ta’uu ibsuun, dorgommicha kan injifatanis akkataa yaada kalaqa isaanii dhiyeefataniin kanneen ulaagaalee calallii abbootii murtii guutan akkaataa sadarkaa isaaniin birrii kuma dhibba tokkoo (100,000.00) hanga miliyoona tokkootti (1000,000.00) kan badhaafaman yoo ta’u, liqiin wabii malee hanga birrii miliyoona shaniitti kan mijatuuf ta’a.

Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awaluu Abdii kessummaa kabajaa sagantichaa ta’uun kan argaman yoo ta’u, Baankiin Awaash dorgommii kalaqa hojii Qaxaleewwanii waggaa tokkoof gaggeessaa turerratti dorgomtoota injifataniif waraqaa ragaafi cheekii badhaaasa qarshii baankichi qopheesseef infifattootaaf kennaniiru.

Obbo Awaluun sirna beekamtiifi badhaasaa kanarratti haasaa taasisaniin Baankiin Awaash namoota kalaqa hojii qabaniif baasii guddaa baasuun kalaqa isaanii jajjabeessuun itti gaafatamummaa hawaasummaa bal’inaan ba’aa kan jiruufi baankii hoggantootaafi hojjettoota qaxalee qabuudha jedhan.

Baankichi lammiilee hedduudhaaf carraa hojii banuun cinatti kalaqa hojii jajjabeessuuf hojii kana eegaluun isaa dhaabbilee isa fakkaatan biroof fakkeenya guddaa ta’uu isaa ibsuun mootummaan naannoo Oromiyaa dhimmoota barbaachisanirratti deggersa barbaachisu taasisuuf baankicha bira kan dhaabbatu ta’uu waadaa galaniiru.

Dabalataanis, dargaggoota sirnicharratti badhaafamuun kalaqa hojii isaanii gara oomishaafi gabaatti akka dhiyeeffataniif mootummaan naannichaa bakka oomishaafi gurgurtaa kan mijeessuuf ta’uus ibsaniiru.  

Baankiin Awaash hayyoota mul’ata qabaniin kan hundeeffame waan ta’eef, baankiiwwan dhunfaa biyya keenya jiran keessaa baankii angafaafi bu’uura cimaarratti hundeeffame waan ta’eef Baankii Daldala Itoophiyaatti aanee dhaabbata fiyaansaansii guddaa biyyattiin qabduufi dinagdee biyyattii keessatti ashaaraa guddaa kan qabu ta’uus kaasaniiru. 

Dorgomtoota kalaqa hojii Qaxaleewwanii bakka bu’uun haasaa kan taasise dargaggoo Tsaggaayee Tasfaayee Baankiin Awaash carraa kana mijeessuu isaaf galateeffatee kalaqa dargaggoota keessa jiru caalmaatti baasuuf waaldaan kalaqa hojii Qaxaleewwanii kan hundeeffame waan ta’eef dargaggoonni kalaqa hojii qaban cimanii gurma’anii akka hojjetaniif ergaa dabarsuun, injifattoonni dorgommii kanaas itti gaafatamummaa itti kenname cimanii hojjechuun kaayyoo sagantichaa akka milkeessan kaaseera. Milkaa’ina sagantichaafis dhaabbileefi namoota dhuunfaa deggersaafi ergama itti kenname milkeessaniifi waraqaan ragaa kennameera.

Jul 26, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
57.4895 58.6393
GBP
70.6759 72.0894
EUR
62.3359 63.5826
AED
14.1646 14.4479
SAR
13.8682 14.1456
CHF
62.5028 63.7529

Exchange Rate
Close