Baankiin Awaash walgayii hoggansaa walakkaa waggaa gaggeesse.

Baankiin Awaash gamaggama raawwii hojii ji’a jahaa  bara  A.L.A bajataa 2022/23, Amajjii 26, 2023 Hoteela Iskaay Laayit Itoophiyatti gaggeessee jira. Hojii gaggeessaa olaanaan Baakii Awaash, Obbo Tsahaay Shifarraa haasaa baninsaa taasisaniin, baankichi ji’oota jahan darban keessatti kallattii hundaan raawwii jajjabeessaafi abdachiisaa galmeessisuu isaa ibsaniiru. Kanumaan wal qabatee,  Rijinootaafi dameelee ji’oota jahan darban kana keessatti akkaataa karooraan raawwii olaanaa galmeessisaniif badhaasni beekamtiifi jajjabeessaa kennameefii jira. Akkasumas kallattii gara fuula duratti kaa’ameenis, qaawwaalee  raawwii ji’oota jahan darban keessatti muldhatan sirreessuun raawwii hojii cimaa  ittii fufsiisuun, rawwii quubsaa kana caalu galmeessisuuf walii galamee jira. Dhumarrattis, Walitti Qabaan Boordii Daayirektarootaaa Baankii Awaash Ambaasaaddar Dr. Dibaabaa Abdataa ergaa dabarsaniin, hoggantoonni dadhabbii qofaan osoo hin taane tooftaan masakamuun cimanii hojjechuun hawwii mul’ata Baankichi  A.L.A. bara 2027tti baankota gaanfa Afriikaa sadi keessaa tokko, akkasuma A.L.A. bara 2030tti ammoo baankota kurnan Afriikaa keessaa tokko ta’uu kan jedhu akka galmaan gahan dhaamanii jiru.

May 02, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.9239 58.0624
GBP
68.1921 69.5559
EUR
61.0167 62.2370
AED
14.0245 14.3050
SAR
13.7344 14.0091
CHF
59.5882 60.7800

Exchange Rate
Close