Hojjettoonni dhaabbilee obbolaa Baankii Awaash fi Inshuraansii Awaash Ashaara magariisaa kaa’an

Hojjettoonni dhaabbilee obbolaa Baankii Awaash fi Inshuraansii Awaash har’a Adoolessa 13 bara 2017 naannoo Inxooxxootti marsaa 7ffaaf biqiltuu kuma 20 dhaabuun Ashaaraa magariisaa isaanii kaa‘aniiru. Hojiiwwan dhaabbileen obbolaa kunneen sagantaa itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanii bahachuu keessatti bal’inaan hirmaatan keessaa damee tokko hojii eegumsa naannoo deeggaruun yoo ta’u, dhaabbilee faayinaansii dhuunfaa misoomaa fi guddina diinagdee biyya keenya waggoota 30n darban keessatti ashaaraa isaanii kaa’an keessaa adda duree ta’uun isaanii ni beekama.
Baankii Awaash!

[rates_widgest title="EXCHANGE Rate" selected_currencies="USD, GBP, EUR, AED, SAR, CNY,JPY,CHF" more_link="#"]