Baankiin Awaash Gamoo Magaalaa Ambootti ijaaruufi

Magaalaa Finfinneefi Naannolee biyyattii gara garaa keessatti gamoo mataa isaa ijaaruun kan beekamu Baankiin Awaash, magaalaa Ambootti bu’uura lafa jalaa (Beezimantii) kan qabu gamoo ammayyawaa abbaa darbii torbaa (7) ijaaruuf muuxannoo ijaarsaa olaanaa kan qabu dhaabbata ijaarsaa Masaay Olii jedhamu faana walii galtee mallatteessee jira.
Ijaarsi gamoo haaraa damee baankii Awaash magaalaa Amboo kun surraa gaarii magaalattiif gumaachuu keessatti gahee mataa isaa akka qabaatuufi saffisaan eegalee yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun tajaajilaaf kan oolu ta’uu hoji gaggeessaan olaanaa Baankii Awaash, obbo Tsahaay Shifarraa sirna walii galtee mallatteessuu irratti ibsanii jiru.

May 10, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.9586 58.0978
GBP
67.8529 69.2100
EUR
61.1223 62.3447
AED
14.0327 14.3134
CHF
59.8147 61.0110

Exchange Rate
Close