Baankiin Awaash Teekinooloojii Faayinaansii haaraa ifa taasise

Baankiin Awaash dhaabbata Amriif Helz Afrikaa jedhamu waliin ta’uun teekinooloojii haaraa tajaajila qusannaafi liqaa ammayyeessuuf oolu ifa taasise.
Teekinooloojiin Saakoos Biizines Sooluushin jedhamu kun tajaajila baankii bu’uuraafi giddu galeessaa kan kennu yoo ta’u dabalataan ammoo tajaajila liqaafi qusannaa yuuniyeenota gara garaa saffisiisuu, dhaqqabamummaa isaanii cimsuufi akkasuma damicha dorgomaa taasisuuf gahee olaanaa akka qabaatu Hoji Gaggeessaan Olaanaa Itti Aanaa Buleessi damee Daldalaafi Baankii IMX Obbo Heenook Tasammaa saganticha irratti ibsanii jiru.
Teekinooloojiin baankichi ifoomse kun piroojeektii dargaggoota ol guddisuuf gama liqaafi qusannaatiin bilisaan kan dhiyeesse yoo ta’u qabinsaafi galmee miseensotaa, tajaajila bulchiinsa liqaa aaksiyoonaafi bu’aa isaafi tajaajiloota kannneen biroo ni kenna jedhamee jira.

Nov 28, 2023 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
55.6854 56.7991
GBP
67.1870 68.5307
EUR
60.9588 62.1780
AED
13.7216 13.9960
SAR
13.4363 13.7050
CHF
60.3764 61.5839

Exchange Rate
Close