Baankiin Awaash Humna Ibsaa Itoophiyaa waliin waliigaltee waliin hojjachuuf dandeessisu mallatteessan.

Haaluma waliigaltee kanaan kaffaltii tajaajila humna ibsaa filannoowwan kaffaltii Baankii Awaashiin si’eessuun akkasumas maamiltootni dhaabbilee faayinaansii biroo bu’aa bayii tokko malee kaffaltii isaanii dhaabbata faayinaansii filannoo isaanii ta’e irraa akka kaffalan kan dandeessisu ta’uun isaa eerameera.
Baankiin Awaash tajaajila isaa daraan fooyyessuuf bittaa teekinoolojiiwwan ammayyaawaa ta’an gaggeessuun tajaajiloota baankii dijitaalaa babal’isuurratti kan argamu yeroo ta’u yaada, gaaffii fi komii maamiltoota isaa yaada keessa galchuun yeroodhaa yerootti hoj-maata isaa fooyyessuun fedhii maamiltoota isaa guutuun amantaa argachaa akka jiru hoji gaggeessaan baankichaa Obboo Tsahaay Shifarraaw sirna mallattoo kanarratti ibsaniiru.

May 09, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.9501 58.0891
GBP
67.8863 69.2440
EUR
61.1872 62.4109
AED
14.0317 14.3123
SAR
13.7411 14.0159
CHF
59.8255 61.0220

Exchange Rate
Close