Baankiin Awaash gamoo abbaa darbii 4 magaalaa Baalee Roobeetti ijaare eebbiseera

Finfinnee fi magaalota naannolee adda addaa keessatti gamoo mataa isaa ijaaruun kan beekamu Baankiin Awaash, gamoo ammayyaa abbaa darbii 4 Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Baalee magaalaa Roobeetti ijaaruun bakka qondaaltotni mootummaa olaanoon argamanitti eebbisiiseera.
Hojii gaggeessaan olaanaa baankichaa obboo Tsahaay Shifarraa sirna eebbaa kanarratti akka ibsanitti gamoon kun kan ijaarame magaalaa guddoo Godina Baalee kan taate, faayidaa diinagdee olaanaa kan qabu harkisa turizimii fi oomishtummaadhaan kan beekamtu magaalaa Roobee keessatti yeroo ta’u, bakki itti ijaarames daldalaa fi sochii diinagdee adda addaatiif bakka barbaadamaa ta’uu isaatiin biyyaafis akkasumas naannochaaf faayidaa diinagdee guddaa akka qabaatu ibsaniiru.

May 09, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.9501 58.0891
GBP
67.8863 69.2440
EUR
61.1872 62.4109
AED
14.0317 14.3123
SAR
13.7411 14.0159
CHF
59.8255 61.0220

Exchange Rate
Close