Baankiin Awaash piroojeektii Qaxaleewwan marsaa 2ffaa ifoomse

Baankiin Awaash itti gaafatamummaa hawaasummaa dhaabbataa isaa haalaan bahachuuf jecha piroojeektii kalaqa hojii kalaqxootaafi dargaggoota jajjabeessuuf oolu akkasumas deeggarsa maallaqaa taasisuuf kan isa dandeessisu ifoomsee jira.
Sagantaa baninsaa marsaa 2ffaa Qaxaleewwanii kana irratti Hoji Gaggeessaan Olaanaa Baankichaa obbo Tsahaay Shifarraa akka jedhanitti dargaggoonniifi shamarran yaada kalaqaa qaban carraa kana fayyadamuun guddina biyyattii keessatti ashaaraa mataa isaanii akka kaa’aniif waamicha taasisanii jiru.
Dorgomtoonnis, Onkololeessa 12 bara 2016 haga Sadaasa 13 bara 2016tti gama onlaayiniitiin ykn qaamaan damee baankii Awaash isaanitti dhiyoo jiru deemuun galmaa’uu akka danda’anis ifoomee jira.

May 10, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.9586 58.0978
GBP
67.8529 69.2100
EUR
61.1223 62.3447
AED
14.0327 14.3134
CHF
59.8147 61.0110

Exchange Rate
Close