Baankiin Awaash Walgahii Hoggansaa kan bara 2022/23 gaggeesse

Baankiin Awaash walgahii hoggansaa kan bara 2022/23 Finfinnee Hooteela Iskaaylaayititti Adoolessa 28fi 29 bara 2015 gaggeessee jira. Hoji gaggeessaan Olaanaa baankichaa Obbo Tsahaay Shifarraa haasaa baninsaa taasisan irratti akka jedhanitti baankichi bara darbe kana keessa bu’aa haalaan quubsaa ta’e kana galmeessise balaa akka tasaa uumamuu danda’u to’achuuf tarsimoo baafate hordofee hojiirra oolchuudhaani jedhan.

Baankiin Awaash ammas baankilee dhuunfaa biyyattii keessatti argaman keessaa dursitummaa isaa akkuma eegsifatetti jiraachuu itti dabalanii isa kana itti fufsiisuuf ammo tajaajila baankii dijitaalawaa teekinooloojiin deeggarame fayyadamuun akka fooyyessuuf hojjetaa jiru himanii jiru.

Dhumarrattis baankichi dameeleefi waajjiraalee zoonii bara bajataa darbe kana keessa qabxii boonsaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasa onnachiiftuu kennuufiidhaan walgahii isaa goolabee jira.

May 09, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.9501 58.0891
GBP
67.8863 69.2440
EUR
61.1872 62.4109
AED
14.0317 14.3123
SAR
13.7411 14.0159
CHF
59.8255 61.0220

Exchange Rate
Close