Hojjettoonni Baankii Awaash fi Inshuraansii Awaash biqiltuu dhaaban!

Hojjettoonni Baankii Awaashiifi Inshuraansii Awaash guyyaa hardhaa, Adoolessa 1, bara 2015 Ashaaraa Magariisaa Marsaa 5ffaaf gaggeeffamaa jiruu irratti Waajjira Miidhaginaafi Misooma Magariisaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee waliin ta’uun biqiltuu kuma digdama (20, 000) Paarkii ICT keessa dhaabuun ashaaraa magariisaa isaanii kaa’anii jiru.
Itti gaafatamummaa hawaasummaa dhaabbataa bahachuu dhaabbileen kunneen baldhinaan itti hirmaatan keessaa tokko kan ta’e hojii eegumsa naannoo deeggaruu yoo ta’u keessumaa wagggoottan digdamii saglan (29) darban kana keessatti dhaabbilee faayinaansii dhuunfaa misoomaafi guddina biyyaa keessatti ashaaraa isaanii kaa’an keessaa adda duree ta’uun isaanii ni beekama.

May 09, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.9501 58.0891
GBP
67.8863 69.2440
EUR
61.1872 62.4109
AED
14.0317 14.3123
SAR
13.7411 14.0159
CHF
59.8255 61.0220

Exchange Rate
Close