Hojjettoonni dhaabbilee obbolaa Baankii Awaash fi Inshuraansii Awaash Hagayya 11, 2016 Aaskoo naannoo Warshaa Burcuqootti biqiltuu kuma 20 marsaa 6ffaaf dhaabuun Ashaaraa magariisaa isaanii kaa‘aniiru. Hojiiwwan dhaabbileen obbolaa kunneen sagantaa itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanii bahachuu keessatti bal’inaan hirmaatan keessaa tokko hojii eegumsa naannoo deeggaruun, dhaabbilee faayinaansii dhuunfaa misoomaa fi guddina diinagdee biyya keenya waggoota 30n darban keessatti ashaaraa isaanii kaa’an keessaa adda duree ta’uun isaanii ni beekama.
Baankii Awaash!