Herrega Socho’aa Waadiyaah
Herregni qusannoo waadiyaah herrega socho’aafi herrega cheekii jedhamee kan beekamu yoo ta’u, maamiloota barataniin kan banamuufi dhala baankii kan hin qabneedha. Herregichi wal amantaarratti hundaa’uun kan banamuufi abbaan herregichaa maallaqicha baasii taasisee fudhachuu yoo barbaadu ni fudhata.
Haalawwan Herrega Qusannaa Waadiyaah
- Baankiin maamilichi maallaqa isaa deebisee fudhachuu wayta barbaadutti deebisee kennaaf. Maallaqa maamilichi ka’ateef itti gaafatama kan fudhatu baankicha malee maamilicha miti.
- Baankichi maallaqa maamilichaa fedhii isaa/ishee qofaan hojii invastimantiif oolchuu danda’a.
- Sa’aatii hojii baankichaatti sochiin baasiifi galiin cheekii qofaan raawwatmuu kan danda’an yoo ta’u, bu’aa qusannoo kan argamsiisu waan hin taaneef baay’inni galiifi baasii herega qusannoorratti jijjiiramni fidu hin jiraatu.
Haal-dureewwan Herregicha banuuf barbaachisan
-
- Umriin waggaa 18 fi isaa ol ta’uu.
- Namoota lamaafi sanaa ol ta’uu.
- Herregicha abbummaan kan sochoofatan ta’uu.
- Waldaalee aksiyoonaa ta’uu danda’u.
- Kan mootummaa (gar-tokkeen kan mootummaa ta’uu) koorporeeshinoota, dhaabbilee ykn qaamolee ofiin of bulchan.
- Waldaalee dhuunfaafi ummatummaa itti gaafatamni isaanii murtaa’e.
- Hawaasaalee (kilaboota), waldaalee, qaamolee naannawaafi kkf.