Akkaataa Barruun Gilobaal Faayinaansii baankota filatamoo addunyaa marsaa 31ffaa beeksiseen, filannicha irratti baankota biyyoota Afrikaa 36 hirmaatan keessaa Baankiin Awaash qofummaan baankii filatamaa Itoophiyaa ta’uun yeroo 3ffaaf walitti aansee filatamuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan yaa’ii waliigalaa Dhaabbanni Maallaqa Adduunyaa (IMF) fi Baankiin Adduunya (WB) Ameerikaa, Magaalaa Waashingitan Diisiitti gaggeessan irratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Awaash Obboo Tsahaay Shifarraaw beekkamtii kana fudhataniiru.
Badhaasni kun kan argame kabajamtootni maamiltoota keenya amantaa nurraa qabaniifi nu waliin hojjechuu isaaniitiin kan argame waan ta’eef carraa kanaan maamiltoota keenya qaalii irra deebiin galatoomaa jechaa gara fuulduraattis sadarkaa olaanaan isin tajaajiluuf qophii ta’uu keenya ibsina.
Baankii Awaash!