- Haalawwan
- Herregicha banuu ilaalchisee
- sharafa
- Qajeelfama baniinsa Herrega
- Tajaajilli kun lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraataniifi dhalattoota Itiyoophiyaa lammuummaa biyya alaa qabaniifi biyya alaa jiraatan sharafa maallaqa biyya alaan biyya isaaniirratti herrega banachuun akka maallaqa galii taasifataniif kan qophaa’efiidha.
- Namooni dhuunfaafi dhaabbileen biyya alaarraa waajjira muummee qaban herrega baankii banachuun itti fayyadamuu danda’u.
- Herregichi akaakuuwwan maallaqaan biyya alaa sadeen armaan gadii kana keessaa isa tokkoon qofa banamuun galii itti taasifamuu dandaa’a.
- Doolaara Ameerikaa.
- Paawund istarliingii Ingliz.
- Sharafa maallaqa biyya alaan galii taasifaman jechuunis doolaara Kaanaadaan, Riiyaalii Saau’udiin, yeenii Jaappaaniin, doolaara Awustiraaliyaafi dirhaamii yunaaytid Arab Immireetin galii taasifaman fedhii abbaa herregichaan gara maallaqawwan sadeen keessaa isa tokkootti qofaa jijjiiramuun galii taasifamu.
- Lammiilee Itoophiyaas ta’ee dhalattoota Itoophiyaa lammummaa biyya alaa qaban qaamaan argamuun ykn poostaa erguun herregicha banachuu ni danda’u.
- Maamiloonni biyya keessatti argamanii herrega banachuu hin dandeenye eembaasii Itoophiyaa dhiyeenya isaanitti argamutti dhiyaachuun eenyummaa isaanii akka mirkaneessu gochuun baankiiwwan naannichatti haala mijeessitoota ta’an ykn dhaabbilee tajaajila maallaqa erguu kennan kan achitti argaman dubbisuu ni danda’u.
- Herreigicha maallaqa biyya alaan banuunis ta’e sochoosuun hin danda’amu. Haata’u malee, qaamoleen bakka bu’iinsa seeraa qaban herrega kana sochoosuu ni danda’u.
Dookumantoota kanaaf barbaachisan
- Gucawwan gaaffii baniinsa herregichaa guutamanii baankichatti dhiyaachuu qabu.
- Lammiilee Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaa lammummaa biyya alaa qabaniif paaspoortii/waraqaa eenyumaa haaromsame.
- Lammiilee Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaa lammummaa biyya alaa qaban biyyoota ollaafi biyyoota bahaa giddugaleessa jiraatan waraqaa eeyyama jireenyaafi hojii Embaasii Itoophiyaan mirkanaa’e dhiyeeffachuu qabu.
- Dokumantoonni kun waggaa waggaan haaromsamanii baankichaaf dhiyaachuu qabu.
Herrega Cufuu
- Haalawwan itti Aanaan kunneen Herrega Diyaasporaa Cufsiisuu danda’u.
- Gaafii maamilichaan.
- Maamilichi hojiifi jireenya biyya alaa xumuree gara biyyaatti deebi’ee biyya keessa jiraachuu yoo jalqabu.
- Maallaqni gara herregichaatti galii taasifame gabaa gurraachaan ykn shororkeessitummaa deggaruun kan walqabate yoo ta’e.
Haalawwan maallaqni gara Herregichaatti galii taasifamu
- Bakka jiraatanii toora iswiiftii baankichaan erguuf:-
- Abbaa herregichaan.
- Haati warraa maamilichaa warqaa ragaa gaa’elaa agarsiisuun.
- Hojjetaan abbaa herregichaa waliigaltee mindeeffama hojii agarsiisuun.
- Dokumantii waliigaltee miseensa aksiyoonaa ykn qaama hojii dhaabbata abbaa herregichaan qabame waliin taasifame agarsiisuun.
- Dhaabbilen waliigaltee hojii agarsiisuu danda’an kan biroos yoo jiraate.
- Abbaan herregichaa xalayaa ibsa maallaqaa abbaa taaytaa galiiwwaniifi gumrukaa Itoophiyaan mallatteeffamee saamsame yoo dhiyeesse maallaqa Doolaara Ameerikaa 3000 fi sanaa oliin wal qixa ta’e galii taasisuu.
- Abbootiin herregaa biyyoota ollaafi bahaa giddugaleesa jiraatan abbaa taayitaa galiiwwaniifi gumrukaa Itoophiyaan mallatteeffamee saamsame yoo dhiyeesse maallaqa doolaara Ameerikaa 3000 fi sanaa oliin wal qixa ta’e galii taasisuu ni danda’u.
- Galii maallaqa cheekii biyya alaarraa madde.
- Herrega biyya alaa namoota dhuunfaafi intarpiraayzotaan qabamanirraa gara herregichaatti galii taasisuun ni danda’ama.
- Nagahee kaardiiwwan kaffaltiifi kaardiiwwan baasiin galii taasisuun ni danda’ama.
Maallaqa biyya alaa tajaajila itti aanan kanaaf ooluu ni danda’u.
- Kaffaltii biyya keessaa birriin raawwachuuf.
- Herrega biyyoota biroo maallaqa biyya alaa Itoophiyaa keessa jiranitti dabarsuus dabalata.
- Hayyamni daldalaa abbaan herregichaa qabu kanaaf ga’aa yoo ta’e kaffaltiiwwan tajaajilawwan al-ergeefi fichisiistummaa raawwachuuf.
- Maallaqa biyya alaa daddabarsuuf.
- Dokumantii eeyyama imalaa guutuu kan qabu ta’ee raawwii imalaaf maallaqa baasii taasifachuuf.
- Gabaa sharafa jiruun maallaqa biyya alaa gara maallaqa biyya keessaatti jijjiiruuf.
- Baankiin herregni itti banamu kan kaffalchiisu yoo ta’e kaffaltii tajaajilaa kaffaluuf.
- Liqiif ykn caalbaasiif ittiin qabsiisa dhiyeeffachuuf
Gara herregichaatti toora Iswiiftii baankichaan galii taasisuu yoo barbaachise ibasawwan hubachuun barbaachisaadha.
- Maqaa guutuu abbaa herregichaa maqaa Baankii Awaash waliin.
- Lakkoofsa herregaa.
- Damee baankichaa herregichi itti argamu.
- Toora Iswiiftii baankichaa- AWINETAA
Sharafni biyya alaa biiroo sharafa biyya alaa ykn maallaqni biyya alaa madda biyya keessa kamirraayyuu argame herregicha banuuf hin tajaajilu.
- Appilikeshinii herregicha guutuuf oolu Intarneetirraa buusuu.
- Guca appilikeeshinichaa maxxansaan buufachuu.
- Gucicha of eeggannoon guutuun damee baankichaaf dhiyeessuu (biyya alaa jiraatanitti herregicha banuu yoo fedhan deeskii Embaasii Itoophiyaa dhiyyenya jirutti argamuun gucicha guutuu.
- Gucichas erga guutanii booda herregni Itoophiyaa ykn Embaasii keessatti bantan kan qusannaa yoo ta’e dokumantoota barbaachisoo ta’an kan akka paaspoorttii (waraqaa eenyummaa) haaromsameefi suuraa waliin dhiyeessuu.
Haal-dureewwan barbaachisan
Namoonni haal-duree itti aanan kana guutan herrega diyaaspooraa fayyadamuu danda’u.
-
- Lammiilee Itoophiyaa biyya keessa hin jiraanne.
- Dhalattoota Itoophiyaa lammi biyya biraa ta’aniifi biyya keessa hin jiraanne.
- Kaampaaniiwwan lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraataniifi dhalattoota Itoophiyaa lammummaa biyya ormaa qaban Itoophiyaab ala waggaa tokkoo oliif jiraatan.
- Lammiilee Itoophiyaa biyyoota alaa keessa hojjetan, hojjechuuf adeemsarra jiran waggaa tokkoo oliif biyya alaa turaniifi kanaafis ragaa dhiyeeffachuu danda’an.