Tajaajila baankii ammayyaa teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramuun qaqqabummaa isaa babal’isaa kan jiru Baankiin Awaash, Maastarkaard waliin ta’uun, sirna eebbaa har’a waajjira muummee baankichaatti gaggeeffame irratti, teeknooloojii tajaajila kaardii dursee kaffalamuu fi karra kaffaltii idil-addunyaa haaraa ifoomseera.
Hojii gaggeessaan olaanaa Baankii Awaash fi Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Olaanaa Buleessa, Ofisara Sirna Gabaa obbo Yohaannis Margaa sirna eebbaa kanarratti akka ibsanitti, kaardii dursee kaffalamuu (Awash International Prepaid Card) kan idil-addunyaa Awaash har’a eebbifamu, maamiltoonni baankichaa karaa kaardii pilaastikii fi ATM maallaqa baasuuf kan dandeessisu ta’uu ibsuun, akkasumas kaffaltii karaa maashinii POS raawwachuu fi daldala idil-addunyaa kamiyyuu toora interneetii irratti raawwachuu kan danda’amuu ta’uu beeksiisaniiru.