- Herregni kun kaffaltii biyya keessaa qofaaf kan ooluudha.
- Maallaqni ergamu gara maallaqa biyya keessatti jijjiramee galii akka ta’u taasifama.
- Baankichi haala kaffaltii dhala baankii yeroo gadi aanaa daangaa yeroo kaffaltii Baankii Biyyoolessaan ka’ameen gadi hin taaneen haala kaffaltii dhala baankii mataa isaa akka qopheeffatu ni eeyyamamaaf.
- Herrega kana keessaa maallaqa biyya alaan baasii taasisuun hin danda’amu.
Haal-dureewwan barbaachisan
Namoonni haal-duree itti aanan kana guutan herrega diyaaspooraa fayyadamuu danda’u.
- Lammiilee Itoophiyaa biyya keessa hin jiraanne.
- Dhalattoota Itoophiyaa lammi biyya biraa ta’aniifi biyya keessa hin jiraanne.
- Kaampaaniiwwan lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraataniifi dhalattoota Itoophiyaa lammummaa biyya ormaa qaban Itoophiyaab ala waggaa tokkoo oliif jiraatan.
- Lammiilee Itoophiyaa biyyoota alaa keessa hojjetan, hojjechuuf adeemsarra jiran waggaa tokkoo oliif biyya alaa turaniifi kanaafis ragaa dhiyeeffachuu danda’an.