Maasteer kaardii fi Baankiin Awaash waliin ta’uun tajaajila haaraa kaardii dursee kaffalamuu fi karra kaffaltii addunyaa eegalaniiru.

Tajaajila baankii ammayyaa teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramuun qaqqabummaa isaa babal’isaa kan jiru Baankiin Awaash, Maastarkaard waliin ta’uun, sirna eebbaa har’a waajjira muummee baankichaatti gaggeeffame irratti, teeknooloojii tajaajila kaardii dursee kaffalamuu fi karra kaffaltii idil-addunyaa haaraa ifoomseera.

Hojii gaggeessaan olaanaa Baankii Awaash fi Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Olaanaa Buleessa, Ofisara Sirna Gabaa obbo Yohaannis Margaa sirna eebbaa kanarratti akka ibsanitti, kaardii dursee kaffalamuu  (Awash International Prepaid Card) kan idil-addunyaa Awaash har’a eebbifamu, maamiltoonni baankichaa karaa kaardii pilaastikii fi ATM maallaqa baasuuf kan dandeessisu ta’uu ibsuun, akkasumas kaffaltii karaa maashinii POS raawwachuu fi daldala idil-addunyaa kamiyyuu toora interneetii irratti raawwachuu kan danda’amuu ta’uu beeksiisaniiru.

May 10, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.9586 58.0978
GBP
67.8529 69.2100
EUR
61.1223 62.3447
AED
14.0327 14.3134
CHF
59.8147 61.0110

Exchange Rate
Close