- Herregni kun dhala baankii kan argamsiisu yoo ta’u, waliigaltee daangaa yeroo raawwiin kan banamuudha.
- Yeroon raawwii isaa gadi aanaan ji’a sadi.
- Herregicha banuuf maallaqa armaan olitti ibsamaniin yoo ta’e haala dolaara Ameerikaa 5’n wal qixa ta’een herregichi ittiin banama.
- Herreg kanaaf dhalli baankii kan kaffalamu herregichi yhoo xinnaate ji’a sadiif baankicha keessa yoo tureedha.
- Dhalli baankii herrega kanaaf kaffalamu taaksirraa bilisa.
- Baankichi wayita herregichi banamutti maamiloonni akkuma herrega bananiin waraqaa ragaa herregicha banuu isaanii ibsu ni kennaaf.
- Baankonni herrega banamanirratti dhala herregichaaf kaffalamu waliigaltee ofii isaaniin akka qopheessan ni eeyyamamaaf.
Haal-duree Guutuu guutamuu qabu Liqii argachuuf
Namoonni haal-duree itti aanan kana guutan herrega diyaaspooraa fayyadamuu danda’u.
- Lammiilee Itoophiyaa biyya keessa hin jiraanne.
- Dhalattoota Itoophiyaa lammi biyya biraa ta’aniifi biyya keessa hin jiraanne.
- Kaampaaniiwwan lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraataniifi dhalattoota Itoophiyaa lammummaa biyya ormaa qaban Itoophiyaab ala waggaa tokkoo oliif jiraatan.
- Lammiilee Itoophiyaa biyyoota alaa keessa hojjetan, hojjechuuf adeemsarra jiran waggaa tokkoo oliif biyya alaa turaniifi kanaafis ragaa dhiyeeffachuu danda’an.
Unkaalee isin barbaachisan