Liqii Yeroo Murtaa’ee
Liqiin yeroo murtaa’ee maallaqa hamma murtaa’ee daangaa yeroo murtaa’eef dhala baankii murtaa’an liqii kennamuudha. Liqiin kunis bakka saditti qooddamu.
Liqii Yeroo Gabaabaa
Liqiin yeroo gabaabaa kun kaayyoo tokkoof kan kennamu yoo ta’u, hanqinni maallaqaa hin yaadamin yoo mudatu yeroo waggaa tokkoo qofaaf kan kennamuudha. Liqiin kun qisaasama hanbisuufi sochii maallaqaa guddisuuf ykn faaydaa fooyya’aa argamsiisuuf yaaduun kan kennamuudha. Yeroo tokko tokko industiriiwwan omishaniif bittaa galteewwaniif akka kaappitaala hojichaatti fudhatama.
Liqii Yeroo Giddu Galeessaa
Liqii yeroo waggaa 1-5 turuuf kennamuudha. Maallaqni deebi’ee kaffalamu bu’aa maallaqichaan hojjetamerraa ykn madda kanneen biroorraa ta’uu danda’a. Fknf konkolaataa bituun bu’aa qajeeloo fiduu dhiisuu danda’a. Garuu hojii biizinasii saffisiisuuf gargaara.
Liqii Yeroo Dheeraa
Xalayaan liqii fichisiistummaa meeshaa fichiisuuf karaa amansiisaa ta’an keessaa isa tokko yoo ta’u guyyaafi haala imala meeshaaf haala mijaawaa uuma.