Faayidaa keessaa muraasni
Adeemsa ifa ta’e
Bu’uurri kun manguddoonni tajaajila Baankii guyyaa guyyaa rakkina hin of danda’anii akka sochoosan gargaara, akkasumas banuufi sochoosuuf salphaa kan ta’eefi manguddoonni hojjettoota damee baankichaatiin gargaaramaniifi ilaalcha adda itti kennamuufidha. Dabalataanis dameelee bakka gahaa qaban keessatti deeskii manguddootaa addatti baasuun, ofisara hariiroofi hojjettoota sarara fuulduraa kallattiin akka argatan gochuun osoo tarree hin eegin tajaajilli isaan barbaachisu akka kennamuuf ta’a. dhumarrattis, herreega kana banuuf sanadoota KYC eenyummaafi umurii maamilaa mirkaneessan qofatu barbaachisa
Tajaajila Maamilaa fooyya’aa
Baankichi fedhii addaa jaarsolii kan hubatan, haalaan dhaggeeffachuufi deebisuu, gaaffiiwwan hin baratamne to’achuu, haalota saaxiloo kessumaa ammo gadi bu’insa hubannoo, gowwomsaafi miidhaa maallaqaa wajjin wal qabatee haalaan tajaajila kan kennan hojjettoota leenjii gaarii qabaniin mangudoota tajaajila
Tajaajila Dursaa
Jaarsoliin dameelee Baankii Awaash hundatti osoo tarree eeguun isaan hin barbaachifne tajaajila dursa ni argatu. Akkasumas ofisaroonni hariiroo, hojjettoonni gabaafi dameelee biroo maanguddootaaf karaa baay’ee umuriidhaaf mijatu dursa kennuudhaan ni keessummeessu
Salphaatti Argamuu
Jaarsoliin bakka kamirraayyuu saffisaafi mijataa akkasuma sa’a 24 torbee guutuu kan hojjetu karaa toora Intarneetii, moobaayiliifi ATM herreega isaanii sochoosuu danda’u
Abbummaa Waloo
Manguddoonni haadha warraa isaanii ykn nama gara biraa xalayaa mirkaneessituu umrii malee abbaa herreega waliinii taasisanii dhiyeessuu ni danda’u. Herreega waliinii yeroo ta’u abbaan herreegaa inni murteessaa/jalqabaa manguddoo ta’uu qaba
Dhala Fooyya'aafi Hir'ina Addaa fi Faayidaa
Herreegni Qusannoo addaa manguddootaa tajaajila namoota gurguddaa umriin isaanii waggaa 55fi isaa ol ta’eef kan banamuudha.
Haala Itti Fayyadama Herreega Qusannoo Addaa Manguddootaa
- Manguddoonni biyyaaf tajaajila yeroo dheeraa gumaachaa turan kun herreega isaanii yeroo manguddummaa kanatti akka fayyadamaniif kan qophaa’eedha.
- Manguddoonni herreega isaanii bara manguddummaa isaanii itti fufsiifachuun irraa fayyadamuu danda’u.
- Tajaajilichi qusannoon maanguddootaaf aadeffannaa kan ta’uuf, mijaawaafi salphaa akka ta’u yaadamee kan qophaa’eedha.
- Tajaajilichi haala fedhii manguddootaa guutuun dhiyeessuun akka itti fayyadaman taasisa.
- Tajaajila qusannoo addaa manguddootaan faayidaawwaniifi jajjabeessituuwwan adda addaa haala kabaja manguddummaa isaanii eegeen kan itti kennamuudha.
Fayyadamtoota Herreega Manguddootaa
Namoonni umrii waggaa 55 fi isa ol ta’an fayyadamuu danda’u.
Faaydaawwan Herreega Addaa Manguddootaa
- Tajaajila maamilummaa fooyya’aa argachuu.
- Tajaajila dura aantummaan/dursi kennamuufiin/ argachuu.
- Dhala baankii fooyya’aa argachuu.
Herreegicha banuuf
- Waraqaa eenyummaa bara dhaloota ibsu.
- Paaspoortii bara dhalootaa ibsu.
- Waraqaa ragaa guyyaa dhalootaa qaama dhimmi ilaalaallatuun haaromsame.
- Suuraawwan lama.
- Dabtara sooramaa.
Maamiltoota ulaagaa guutan
- Herreega waliinii yoo ta’e, abbaan herregaa inni jalqabaa “Maanguddoo” ta’uu qaba.
Sanadoota Herreega Banuuf Barbaachisan – KYC fi Sanada Mirkaneessa Umurii
- Waraqaa eenyummaa Gandaa seera qabeessa ta'e guyyaa dhalootaa agarsiisu
- Paaspoortii guyyaa dhalootaa agarsiisu
- Ragaa Dhalootaa qaama hayyamameen kenname,
- Kitaaba sooramaa fi kkf.