Herregni kun maamiloonni galii idilee ji’aa qaban ji’a ji’aan qusannoo idileen akka qusataniif kan qophaa’eefi dhala baankii olaanaa kan argamsiisu yoo ta’u, ji’atti al-tokko kan itti qusatamu turtii waggaa 1 hanga 10 qofa kan qabaatuudha.
Haala Itti Fayyadama Herrega Invastimantii
- Dabtara baankiin sochoofama.
- Kuufamni maallaqa qusannoo waggaa tokkoo hanga waggaa 10ti.
- Maallaqni ittiin baniinsa herrega qusannoo kanaa ji’aan kan namoota dhuunfaa qr.1,000 yoo ta’u, dhaabbileef qr.3000.
Faaydaawwan Heerrega Qusannoo Invastimantii
- Dhala baankii olaanaa %5.5 hanga 7.5 ga’u argamsiisa.
- Hangi qusannaa herregichaa yoo guddate baankichi maallaqa waliigalaa qusatamerraa % tajaajila liqii %60 ga’u ni dhiyeessa.
Itti Fayyadamtoota Herrega kanaa
Herregni kun kan qophaa’e hojjettoota miindeeffamanii hojjetan, Intarpiraayzoota maaykiroofi xixiqqaa, waldaaleef, yuniyeenota, daldalaafi kkf dha.
Maamiltoota ulaagaa guutan
Namoonni dhuunfaa ykn dhaabbilee galii idilee qaban ji’a ji’aan maallaqa murtaa’e qusachuuf.
Unkaalee isin barbaachisan