Baga Gammaddan! Baga Gammanne!  

Baankiin Awaash baankii filatamoo addunyaa keessaa tokko ta’uun biyya Itoophiyaa irraa yeroo sadaffaaf walitti aansee filatame!

Akkaataa Barruun Gilobaal Faayinaansii baankota filatamoo addunyaa fi kan biyyootaa marsaa 31ffaa beeksiseen, filannoo irratti biyyoota Afrikaa hirmaatan 36 keessaa Baankiin Awaash baankii filatamaa Itoophiyaa ta’uun yeroo 3ffaaf walitti aansee filatamee jira. Filannoon bara 2024 kan baankota biyyoota 150 ol keessatti tajaajilan hirmaachisuun adeemsifame kun ulaagaalee filannoo ijoo ta’an kan lakkoofsaan shallagamanii (quantitative objective) fi ulaagaa ragaarratti hundaa’an garuu kan hin shallagamne kan hammatedha. Sirni beekkamtii fi badhaasa Injifattootaa kan raawwatamu ‎A.L.A Onkololeessa bara 2024 yaa’ii waliigalaa Dhaabbanni Maallaqa Adduunyaa (IMF) fi Baankiin ‎Adduunya (WB) biyya Ameerikaa ,Magaalaa Waashingitan Diisiitti‎ gaggeessan irratti kan kennamu ta’uun beekameera. Badhaasni kun kan argame kabajamtootni maamiltoota keenya amantaa nurraa qabaniifi nu waliin hojjechuu isaaniitiin kan argame waan ta’eef carraa kanaan maamiltoota keenya qaaliin galatoomaa jechaa gara fuulduraattis sadarkaa olaanaan isin tajaajiluuf qophii ta’uu keenya ibsina.
Baankii Awaash!

Jan 21, 2025 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
124.7041 127.1982
GBP
153.3074 156.3736
EUR
135.2163 137.9206
AED
30.7258 31.3403
SAR
30.0824 30.6841
CHF
135.5787 138.2902