Hundeeffama isaa irraa eegalee gama itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuutiin hojiiwwan hedduu hojjachaa kan jiru Baankiin Awaash, Ministeera Hojjataa fi Ogummaa jalatti kan argamu Instituutii Misooma Kalaqa Hojii waliin ta’uun wiirtuuwwan garaagaraa keessaa kan walitti dhufan Intarpiraayizoota Maayikiroo, Xixiqqaa fi Giddu Galeessaa 150 ta’aniif magaalaa Hawaasaa, Hosaa’inaa fi Shaashamannee irraa dhufaniif leenjii ogummaa daldalaa kan kenneef yoo ta’u, sagantaan kunis sadarkaa biyyaatti hojiirra ooluu irratti argama. Baankiin keenyas damee kana daran guddisuuf tattaaffii taasifamu keessatti deeggarsa adda addaa taasisuuf qophii ta’uun isaa beekameera. Baankii Awaash!