Akkaataa Barruun Gilobaal Faayinaansii A.L.A’tti Bitootessabara 2025 marsaa 32ffaaf baankota ciccimoo ifoomsetti Baankiin Awaash baankota Afrikaa keessaaciccimoo ta’uun filataman 36 keessaa isa tokko ta’uun yeroo 4ffaaf akkasumasItoophiyaa irraa qofaaa isaa baankii cimaa ta’uun filatamuui beeksiseera.
Sirni beekkamtii fi badhaasa Injifattootaa kan raawwatamuA.L.A Onkololeessa bara 2025 yaa’ii waliigalaa Dhaabbanni Maallaqa Adduunyaa(IMF) fi Baankiin Adduunya (WB) biyya Ameerikaa, MagaalaaWaashingitan Diisiitti gaggeessan irratti kan kennamu ta’uun beekameera.
Badhaasnikun kan argame kabajamtootni maamiltoota keenya amantaa
nurraa qabaniifi nu waliin hojjechuu isaaniitiin kan argame waan ta’eef carraa kanaan maamiltoota keenya qaaliin galatoomaa jechaa gara fuulduraattis sadarkaa olaanaan isin tajaajiluuf qophii ta’uu keenya ibsina.
Baankii Awaash



















