Indaastirii baankii dhuunfaa keessatti adda duree ta’uun damee shaniin hojii isaa kan eegale Baankiin Awaash damee tajaajila isaa babal’isuun har’a Mudde 25 bara 2018 Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoo magaalaa Ejersa Goorootti damee isaa1000ffaa bakka hoji gaggeessaan olaanaa baankii keenyaa Obbo Tsahaay Shifarraaw dabalatee qondaaltonni mootummaa olaanoo adda addaa fi keessummoonni argamanitti ifatti eebbifameera. Baankiin Awaash damee isaa guutuu biyyattiitti babal’isuun uummanni tajaajila baankii ammayyaa naannoo isaatti akka argatu dandeessisuun yeroo amma maamiltoota isaa miiliyoona16.3 ol geessisuu danda’eera.Dabalataanis,guddina diinagdee biyyaaf gumaacha taasisuun sadarkaa jireenya hawaasaa fooyyessuudhaan indaastirii faayinaansii keessatti gumaacha taasisaa jiraachuu isaa hoji gaggeessaan baankii keenyaa Obbo Tsahaay Shifarraaw sirna eebbaa kanarratti ibsaniiru. Baankichi dameelee baankii idilee dabalataan tajaajila baankii maamila giddugaleessa godhate, kan dhala irraabilisa ta’ee fi dameelee dijitaalaa(e-Branch) tajaajila ammayyaa fi gahumsa qabu kennuu irratti argama. Baankiin Awaash damee Jaarsoo banuu dabalataanis fayyadamummaa diinagdee hawaasa naannichaa mirkaneessuu akkasumas Gootota biyya keenyaaf oolmaa oolan biqilchuun kan beekamu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Jaarsootiif Kompiitara baay’inni isaa 25 ta’e, tilmaama qarshii Miiliyoona tokkoofi kuma dhibba sadiitti tilmaamamu arjoomeera. Kana malees, baankichi rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii magaalaa Ejersa Gooroo keessatti mul’atu furuuf hawaasa naannoo fayyadamoo taasisuuf pirojektii qonna bishaan lafa jalaa hojiirra oolchuuf bajata ramaduun guyaa har’aa dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.



















