አዋሸ ባንክ ከ “Master Card Foundation” ጋር በጋራ የሚተገበር የብድር ፕሮግራምን ጀመረ

ማስተር ካርድ ፋውንዴሽን ከሥራ ፈጠራ ኮሚሽን እና ፈርስት ኮንሰልት ጋር በመተባበር በኮሮና ቫይረስ (Covid 19) ጫና ለደረሰባቸው ጥቃቅን እና አነስተኛ ኢንተርፕራይዞች የማገገሚያ እና የመቋቋሚያ ፕሮጀክት ነድፎ በመንቀሳቀስ ላይ ያለ ሲሆን አዋሽ ባንክ ፕሮጀክቱን ለመተግበር ከተመረጡት ሁለት ባንኮች አንዱ ሆኗል፡፡
ለታቀደው ብድር ሃምሳ በመቶ ዋስትና የሚሆን ተቀማጭ ገንዘብ በማስተርካርድ ፋውንዴሽን ሥም በአዋሽ ባንክ በሚከፈት ሒሳብ ተቀማጭ የሚደረግ ሲሆን የብድር ጥያቄውን የሚያቀርቡ ተበዳሪዎች ለቀሪው ሃምሳ በመቶ የሚሆን መያዣ እንዲያቀርቡ ይጠበቃል፡፡ የድርጅቶቹን አቅም አነስተኛ መሆን ከግምት በማስገባት ከዚህ ቀደም በባንኩ ተቀባይነት ከነበራቸው የመያዣ አይነቶች በተለየ ለዚህ የብድር ዓይነት ብቻ የተካተቱ የዋስትና አይነቶች የሚኖሩ ሲሆን ዝርዝራቸውም በአፈጻጸም መመሪያ ላይ የሚካተት ይሆናል፡፡
ለብድሩ ብቁ የሆኑትን ኢንተርፕራይዞች የመለየት ሥራ በማስተርካርድ እና አጋሮቹ ለዚሁ ዓላማ ሲባል በተዘጋጀ (https://WWW.ethiomsefund.com) ድረገጽ ላይ በሚሰበሰብ ማመልከቻ እና በፋውንዴሽኑ በተቀመጠ መስፈርት መሠረት የሚከናወን ሲሆን ለፋሲሊቲው ማመልከት የሚፈልጉ ነባር የባንኩ ደንበኞችም ሆኑ አዳዲስ አመልካቾች በዚሁ ሁኔታ የሚስተናገዱ ይሆናሉ፡፡

ምንም እንኳን አመልካቾች ማመልከቻዎቻቸውን ራሳቸው የተጠቀሰውን ድረገጽ በመጠቀም እንዲያስገቡ ቢጠበቅም ከድርጅቶቹ አነስተኛነት ጋር ተያይዞ በጽሁፍ ማመልከት ለሚፈልጉ የማመልከቻ ቅጽ በአዲስ አበባ በሚገኙ ሁሉም ቅርንጫፎች የሚቀመጥ ሲሆን አመልካቾች ቅጹን ሞልተው ወደ ቅርንጫፍ በመመለስ የሚያመለክቱበት መንገድ ይመቻቻል፡፡ በቀጣይም ከፋውንዴሽኑ በሚላከው የብቁ አመልካቾች ዝርዝር መሠረት በባንኩ ፖሊሲ እና መመሪያ መሠረት ብድሩ የሚፈቀድ ይሆናል፡፡

Baankiin Awaash ’Master Card Foundation’ waliin ta’uun Sagantaa Liqii Haarawaa jalqabe

‘Master Card Foundation’n Komishinii Hojii Uumuufi ‘First Consult’ waliin ta’uun Pirojektii Intarpiraayizoota Maayikiroofi Xixiqqaa sababa Vaayirasii koronaatiin miidhaan irra gahe dandamachuu dandeessisu qopheessuun hojiirra oolchuudhaaf hojjechaa jira. Dhiyeessii faayinaansii pirojekticha hojiirra oolchuuf dandeessisuufis waliigaltee Tajaajila liqii Baankii Awaash waliin raawwateera.

Akkaataa waliigaltichaatiin Wabii Tajaajila Liqii Baankiin Awaash kennuuf %50n’Master Card Foundation’ dhaan dursee Baankii kan galu yoo ta’u, %50 ammoo waldaalee tajaajila liqichaa gaafataniin kan dhiyaatu ta’a. Haa ta’u malee, humni waldaalee tajaajilicha barbaadanii xiqqaa ta’uu tilmaama keessa galchuudhaan, Baankiin Awaash gosoota qabeenyaa wabummaadhaan dhiyaachuu danda’an kan biroo haarawoonis kan ilaalu ta’uu isaa asumaan ibsina.

Tajaajilicha argachuudhaaf interpiraayizoonni kan galmaa’an karaa marsariitii https://WWW.ethiomsefund.com dhimmuma kanaaf ‘Master Card Foundation’ fi deeggartoota isaatiin qophaa’een yoo ta’u, ulaagaa fawundeeshinichi kaa’een kan filataman ta’u. Maamiloota Baankii Awaash duraanis ta’ee, kanneen haarawoon tajaajilicha barbaadan martuu haaluma kanaan iyyannoo isaanii dhiyeeffatu.

Gama biraatiin, kanneen iyyata isaanii barreeffamaan dhiyeeffachuu barbaadaniifis gucni dhimma kanaaf qophaa’e dameewwan Baankii Awaash magaala Finfinneetti argaman hundattuu kan argamu waan ta’eef, iyyattoonni tajaajilicha barbaadan gucicha guutuun gara Dameewwaniitti deebisuudhaan calalliidhaaf dhiyaachuu danda’u. Dhumarrattis Interpiraayizoonni Fawundeeshinichaan calalamanii gara Baankiitti ergaman akkaataa Imaammataafi qajeelfama Liqii Baankiitiin tajaajilicha kan argatan ta’a.

 

Share
Facebook
Twitter
LinkedIn
Telegram

Apr 19, 2024 EXCHANGE Rate
Currency Buying Selling
USD
56.8204 57.9568
GBP
67.6774 69.0309
EUR
60.6615 61.8747
AED
13.9997 14.2797
SAR
13.7079 13.9821
CHF
59.7024 60.8964

Exchange Rate
Close